Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaan Israa’el Samii Irraan Magaalaa Raafaah Irratti Gaggeessite Lubbuu Namootaa Kuran Heedduu Galaafate

Faayilii-Haleellaa Israa'el Raafaah Irratti Geggeessite Lubbuu Hedduu Galaafate
Faayilii-Haleellaa Israa'el Raafaah Irratti Geggeessite Lubbuu Hedduu Galaafate

Israa’el Wiixata har’a magaalaa gama kibbaa Raafah haleellaan xiyyaaraan rukuttee, yoo xiqqaate namoota 67 ajjeesuu isaa, qondaaltonni fayyaa naannoo kan ibsan yoo ta’u, suluula Gaazaa sana keessa kanneen wal waraansa dheessan naoota Miiliiyoona 1,4tu buufatee jira.

Jiraattonni akka jedhanti, haleellaa boombii cimaan gaggeeffamuu fi haleellaan Israa’el kun manneen fi masjiidota hedduu rukutee.

Waraanni Israa’el gama isaan, kutaa Raafaa hanaga tokko keessatti “maadhee shororkeessummaa” rukute jedheera. Haleellaan kunis ergama booji’amtoota Israa’el lama hidhattoota Hamaasiin qabaman baraaramuu waliin wal duukaa ta’e.

Muummichi ministeera Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun hojii gaggeeffame kana jajachuun Israa’el namoota booji’amtoota Gaazaatti qabaman deebisisuuf “carraa kamiyyuu bira hin dabartu” jedhan.

Netaaniyaahuun ibsa baasaniin, “Dhiibbaa waraanaa itti fufiinsa qabu qofaatu, hanga injifannoo guutuutti akkasumas, namoota keenya booji’aman hunda akka gadhiifaman taasiisa,” jedhan.

Waraanni ji’a afur ol gaggeeffamee, fi ajajni Israa’el irra deddeebiin laattee, lammiilee Falasxiin gara gama kibbaatti fageessee kan dhiibe yoo ta’u, hedduun isaanii mooraa keessa dunkaana keessa kan buuftan yoo ta’u, kaan immoo dahannaa Tokkummaa mootummootaa kan namnii gar malee hedduuminaan jiraatan keessa jiru.

Garuu Raafaan qarqara kibba dhiha Gaazaa, daangaa Masrii irratti waan argamtuuf, xiyyeeffannaan hojii Israa’el Gaazaa kaabaa irraa gara naannoowwan kibbaatti jijjiiramuun ishee, Falasxiinonni nagaan garamitti deemuu akka danda’an yaaddoo idil-addunyaa uumeera.

Daarektarri olaanaa garee gargaarsa yaalaa Doctors Without Borders Meinie Nicolai Wiixata har’a akka jedhanti, Israa’el haleellaa Rafah keessatti raawwattu akka dhaabdu fi biyyoonni biroo “tarkaanfii qabatamaa akka fudhatan” dhukaasa dhaabiinsa itti fufiinsa qabu akka fiduuf gaafataniiru

Forum

XS
SM
MD
LG