Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haandaara Galaana Yemenitti Doniin Tokko Misaa’elaan Haaleelamuun Himame


Haandaara Galaana Yemenitti Doniin Tokko Misaa’elaan Haaleelamuun Himame
Haandaara Galaana Yemenitti Doniin Tokko Misaa’elaan Haaleelamuun Himame

Doonii tokko Wiixata har’a qarqara galaanaa Yaman gama kibbaa irratti haleellaa misaa’elaa jala seenuu ishee kan gabaafamee yoo ta’u kunis, utuu tarsiimoo qabeessa kan ta’e Bab al-Mandeb jedhamu keessa darbaa yeroo jirtuutti ta’uun dhaabbileen nageenyaa beeksisaniiru.

Kunis kan mudate akka lakkoobsa Yamaniitti har’a barii sa’aatii sa’aatii 10 dura naannoo finciltoonni Huutii ji’oota darban keessa irra deddeebiin dooniiwwan Galaana Diimaa irratti xiyyeeffatan keessatti akka ta’e ejensiin Hojii Daldala Galaanaa kan Yunaayitid Kingidam gabaasa baaseen beeksiseera.

''Hojjetoonni dooniitti keessa jiran nagaa ta'uun isaanii kan gabaafame yoo ta'u, dooniin kun gara buufata doonii itti aanutti ce'aa jirti,'' jedha ejeensiin kun.

Dhaabbanni nageenyaa biraa Ambrey jedhamu akka jedhetti, doniin fe'umsaa alaabaa Odoola Maarshaal qabu kun fi qabeenya Griik ta’e kun, daqiiqaa 20 keessatti ''haaleellaa misaa’eelaa adda addaa yeroo lama kan isa mudatee yoo ta'u, ''gama mirgaatiin rukutamee miidhaa qaamaa irra ga'uu isaa gabaafameera'' jedheera.

Doonii kana keessa garee nageenya dhuunfaan hidhateetu ture jedha Ambrey.

Hidhattonni Huthiin kanneen " farra warra biyyoota dhihaa fi farra Israa'el ta’an kun, gareewwan Iraaniin deeggaraman yoo ta'an, ji'ootaaf dooniiwwan Galaana Diimaa irratti xiyyeeffachuun haleellaa haaloo ba'uu fudhachuun isaanii, Ameerikaa fi Ingilizii tarkaanfii haaloo ba’iinsaaa akka fudhatan kakaasaa turan.

Finciltoonni kunneen lammiilee Falasxiinota Gaazaa keessa jiran kannen Onkoloolessa irraa eegalee waraana Israa’elii fi Hamaasiin manca’aa jirtu waliin tumsa qaban agarsiisuuf kan yaadame ta’uu dubbatu.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG