Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ijaarsa Nageenyaarratti Dhaabbatoonni Barnoota Sadarkaa Ol’aanaa Naannoolee Tigiraay, Amaaraa fi Affaar Sochii Jalqaban


Ijaarsa Nageenyaarratti Dhaabbatoonni Barnoota Sadarkaa Ol’aanaa Naannoolee Tigiraay, Amaaraa fi Affaar Sochii Jalqaban
Ijaarsa Nageenyaarratti Dhaabbatoonni Barnoota Sadarkaa Ol’aanaa Naannoolee Tigiraay, Amaaraa fi Affaar Sochii Jalqaban

Sababaa wal waraansa Itiyoophiyaa Kaabaan kan ka’e, qaawwaa uumamee duchuuf akkasumas bulchiinsa naannoolee sadeen deebisanii wal agarsisuuf hojjataa kana jiran ta’u, hogganoonni Yunivarsitiiwwan Tigraay, bulchiinsa Amaaraa fi Afaar keessa jiranii dubbatanii jiru.

Yunivarsitiiwwan biyyatti keessa jiranii fi hayyonni tokko tokko yeroo wal waraansaa sana, furmaata karaa nagaa akka argamuu agarsisuu manna, isaan ofii isaanii qaama rakkoo kanaa ta’an kan jedhan xinxalaan tokko, kan yeroo sana gochuu hin dandeenye sana amma hojiin agarsisuu qabu jedhan.

Yunivarsitiiin Maqalee Sambata dabree kan qopheessee waltajjii ijaarsa nagaa irratti, Itti gaafatamtoonni Yunivarsitiiwwan Tigraay , kan Nannoo Amaaraa fi Afaar keessaa dhufanii fi keessummonni biraa argamanii jiru.

Ministeerrii Naga gama isaan, dhaabbilee barnootaa kan sadarkaa olaanaa, ijaarsa nagaa kan ilaaleen, iddoo dursaa qabatanii akka hojjataniif kan jajjabeessu ta’u ibsee jira.

“Itiyoophiyaa keessatti ijaarsa nagaa” mata duree jedhuun, sambataa fi Dilbata dabree Yunuvarsiitii Maqalee keessatt,i konfraansiin sadarkaa addunyaa gaggeeffamuu Muuluugeetaa Atsebahaa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG