Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Itiyoophiyaa Wal-dhibdeeleen Biyyattii Keessaa Karaa Marii Nageenyaa Akka Furaman Waamicha Dhiheessan

Hojii dhalootaan faarsamaa jiraatu hojjachuuf Adwaa irraa barachuu qabna jechuun prezidaant Saahle Woorq Zawee dubbatanii jiru.

Daandii yaadannoo Seenaa Aduwaa nu argamsisuu irra hin jirru kan jedha prezidaant saahila woorq , walitti bu’iinsii jiran haasawaan furmaata akka argatan irra deebi’uun gaafatanii jiru.

Mummichi Ministeeraa Abiyyi Ahmad gama isaaniin, Tokkummaaf waamicha dhiyeessan.Angawoonni lameen kana kan dubbatan, Finfinnee keessatti kan ijaaramee yaadannoo injifannoo Adwaa kaleessa yeroo eebbifameetti ture.

Haga ammaatti Itiyoophiyaa keessatti mariin furmaata ta’e hojii irra ooluu kan dadhabe, aadaan siyaasa biyyatti injifachuu fi injiifatamuu irratti kan hundaa’ee ta’u isaafii jechuun, Yunivarsitii Finfinneetti, daayreekteera qorannaalee nagaa fi nageenyaa fi komishiinara komishinii marii guutuu biyyaa Dr Yonaas Adaayee sagalee Amerikaaf ibsuu isaanii Keeneedii Abaata Finfinnee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG