Torban lamaan dura umnoonii mootummaa Ityoophiyaa tarkaanfii naannoo Amaaraa keessatti fudhataniin Siviilonni 45 ajjeefamuu isaanii komishiiniin miraga namoomaa Ityoophiyaa ibsa qibxataa har’aa Guraandhala 13 bara 2024 kenneen beeksisee jira.
Komishiinii mirga namoomaa Ityoophiyaati daarekteeraa olaanaa dhimmaa hordoffi fi qorannoo kan ta’an Dokteer Miizaan Abatee akka ibsanitii, ajeechaa dhiheenyaa kana godina Goojjama kaabaa magaalaa Marawii keessatti namoottan 45 irratti raawwatameen alatis, bakeewwan biraatti garee hidhatootaa Faannoo Degertu jechuudhaan umnoottan mootummaa seeraan alla siviilota irratti ajjeechaa raawwataniiru.
Akkuma Kanaan akka lakkoofsa Ityoophiyaatti Amajji 10 bara 2016 godina Goojjam bahaa anaa Shebel Berentaa keessatti ergaa lollii garee fannoo wajjin taasifamee raawatee gareewwan hidhatootaa bakkicha gadi lakkisanii boodaa dubartoota dabalatee namoottan nagana 15 akka waraana mootumaatin ajjefaman komishiiniichii ibsee jira.
Haaluma wal fakkatuun godinaa Goojjam dhihaati kan argamuu aanaa quwaarit jalatti kanargaman gandaawan Lama keessatti Amajji 6 bara 2016 siviilonii 16 mana isaanii keessa qabamanii ajeefamuu isaanii komishiinichii ibsee jira.
Ityoophiyaa keessatti dhaabanni mirga namoomaatiif falmu inni biraa Gumiin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa ykn ISEMEGUn Ibsaa torban darbe baaseen ajjeechaa magaala maraawii keessatti raawwateen siviilonni 80 ta’en du’uu isaanii ibsuun isaa gabaasameeraa.
Ityoophiyaatti Ambaasadera mootummaa Yunayitid Istets kan ta’an Ambaasader Erviin Maasingaa tibban ibsa kennaniin dhaabbileen mirgaa namoomaa qorannoo walabaa ta’ee akka taasisan, namoottan yakka sana raawwatan irratti akka tarkaanfiin seeraa fudhatamu gaafachuun isaanii akka gabaasame ni beekama .
Dhimma kana irratti minsiteerri dhimaa tajaajila Kominikashiinii mootummaa Ityoophiyaa Dokteer Legesee Tuluu fi haanga’onni mootummaa biroo akka deebii kennan yaaliin VOAn taasise akka hin milkoofne Kenedii Abaatee Finfinnee irraa gabaaseera .
Forum