Xurree ittiin seenan

Breaking News

Obbo Getaachoo Raddaa: Mootummaa Federaalaa Fi ABUT Gidduu Ammallee Wal-Amantaa Dhabuutu Jira


Prezidaantii Yeroo Kan naannoo Tigraay obbo Getachew Reda
Prezidaantii Yeroo Kan naannoo Tigraay obbo Getachew Reda

Mootummaa feederaalaa Itiyoophiyaa fi bulchiinsa yeroo kan naannoo Tgiraay giduutti dhimmoottan tokko tokko irratti wal hubannoon akka hin jirre Prezidaantiin bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Geetaachewu Redda ibsaniiru.

Raawwanna hojii ji’oottan kurnan darbanii irratti Marii mootummaa feederaalaa wajjin taasisan ilaachisuudhaan dhaabilee miidiyaa naanichaatiif ibsa kan kennaa obbo Geetaacheewu Redda, marii taasifamee irratti dhimmoottan mootummaa feederaalaa fi bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay gidduutti wal amanataa irraa hin ga’amne ka’anii akka irratti dubbatame ibsaniiru.

Karaa mootummaa feederaalaatiin, marii nageenyaa taasifamee motummaan naannichaa akka yeroo itti bitannaatti itti fayyadamaa akka jiru, diinaa wajjin ta’uudhaan mootummaa diiguudhaaf akka hojachaa jiran, Eertiraa wajjin akka walquunnamiitii qaban kan ibsu komiin ka’uu isaa kan dubbatan obbo Geetachewuun, gamaa isaaniitiin mootummaa naanichaa namoottan qe’ee isaanii irraa bu’qan akka gara mana isaaniitti deebi’an, bakkaawwan wallaba hin taane keessa kan jiran lammileen Tigraay akka walabooman, gaheen naannoon Tigaraay feedereshiinii biyyatii keessa qabuu akka eegamuuf gaafachuudhaan alaati fedhii biraa akka hin qabne ibsanii sochii waliigaltee Pritooriyaa faallesu kamiinu keesaa akka seenuu hin barbaane akka ibsan himaniiru.

Mootummaan feederaalaa haanga’oota naanichaa giduutti garaa garuumaan akka umamu hochaa jira jechuudhaan hanga’onni naanoo Tigraayis komii dhiheesuu isaanii obbo Geetaachewun dabalanii ibsaniiru.

Marii mootumaa feederaalaa wajjin taasifamee kana irratti, waa’een lammilee Tigraay Kanaan duraa miseensa raayya ittisa biyyaa turaniifi mana hidhaa keessa jiranii, haala lammileen Tigraay lola irratti booji’aman gadi lakisamanuu, halaa Addi Bilisummaa Ummata Tigraay/ABUT deebisee beekumtii argachuu danda’uu irratti akka mariin taasifame obbo Getaachoon eeranii jiru. Mootummaan Feederaalaa gamama isaatiin miseensotaa ittisa biyyaa warren dhaltoota Tgiraay ta’an deebisee raayyaa waraanaatti makuu isaa akka beeksisee ibsameera.

Karaa biraatiin torban dhufu keessas mariin bakka bu’oonii mootummaa Yunaayitid Isteets, kan dhaabbata mootumoota gamtoomanii, kan gamtaan Afrikaa fi kan mootummaan Afrikaa kibbaa irratti hirmaatan akka itti fufu obbo Geetachoon ibsuun isaanii gabaasameera.

Waa’ee gargaarsa beelaa Tigraay keessa jiruuf taasifamuu irratti mootummaa feederaalaa fi bulchiinsaa naanichaa giduutti waligalteen akka hin jirre kan himan prezidaantiin bulchiinsaa naannoo Tigraay, dhimma kana irratti dhiheennyyatti waliigalee irra akka gahamuu abdii qaban himanii, walwaraansaa Tigraay keessatti taasifameen badiinsii Doolaaraa Biiliyoonii 80ti tilmaammauu qaaqabuun isaa akka qorannoodhaan irra gahamee ibsuu isaanii Mulugeetaa Atsibahaa Maqalee irra gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG