Dhimmaa gargaarsa kana irratti torban darban keessa walfalmiin cimaan taasifamaa ergaa turee boodaa Manni maree bakka bu’ootaa olaanaan ykn Senetiin Yunaayitid Isteets halkan kaleesaa gargaarsii doolaaraa Biiliyoonii 93.3 akka Yuukreenii, Israa’eli fi Taayiwaanii kennamuu murteesse jira.
Gargaarsaa dabalataa Yuukreeniif kennamuudhaaf karoorfame doolaaraa Biiliyoonii 60 kan morman miseensonni mana maree garee paartii Repaabilikaanootaa “ Yunaayitid Isteets maalaqa biyyaa alaatti erguudhaan duraa rakkina biyya kessaa irratti xiyeeffachuu qabdii “ jedhanii falmanuus, paartii Repaabilikaanotaa keessaa bakka bu’oonni 22 waan sagalee degersaa kennaniif gargaarsichii akka kennamuu degersa sagalee 70 fi sagalee mormii 29n akka seera ta’u mortaa’eera.
Murtoon gargaarsaa kun Senetiidhaan raggaasisamuun isaa hanqina meeshaa waraanatiin kan ka’e dhiphinaa keessa galtee kan jirtu Yukreeniin jabeesuu akka danda’u ibsameera.
Forum