Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rippaabilikii Dimookiraatawa Koongoo Keessatti Hiriirtonni Yunaayitid Isteetisiin Dabalee Biyyoota Addunyaa Gama Lixaa Balaaleffatan 


Hiriitota Mormii Koongoo embaasilee biyyootii gama dhiyaa Kan Kinshasaa fuulleetti mormii geggeessan poolisiin gaazii imimmaansuun bittimse
Hiriitota Mormii Koongoo embaasilee biyyootii gama dhiyaa Kan Kinshasaa fuulleetti mormii geggeessan poolisiin gaazii imimmaansuun bittimse

Namootta hiriiraa mormii bahan kun dandii irratti gommaawwan konkola’ataa gubuudhaan allatiis, alaabaa mootummaa Beeljiiyeem , kan Yunaayitid Isteets fi kan dhaabbata mootumoota gamtoomanii gubuun isaanii gabaasameera.

Sababnii mormii isaaniis Biyyoottan Lixaa biyyaa Ruwaandaa ishee garee hidhatootaa baha Koongoo keessatti lolaa jirufi “M23” jedhamee beekamu degertu biraa dhaabachaa jiru kan jedhu yemmuu ta’u, Ruwaandaan garuu akka garee hidhatootaa kana hin deggeree ibsitee jirti.

Namoottan hiriiraa kana irratti hirmaatan kessaa tokko “mirgaa keenyaa gaafachaa jira. mootumoowwan Fraansii fi Yunaayitid Isteets lola baha koongoo keessatti taasifamaa jiru ni degeru” jechuudhaan oduu gabaastotaaf ibsuun isaanii gabaasameera.

Sababa mormii Kanaan kan ka’ee, haanga’onii mootummaa RDK wixata kaleessaatii kaasanii waajjiraalee mootummoota gamtoomanii fi Embaasota biyyoottan alaa eeguudhaaf umna waraanaa dabalataan bobbaasanii jiru.

manoottan barnootaa biyyoottan alaa biyyaatti keessa jiran wixata kaleessaa kan cufaman yemuu ta’u, walakeessaa magaala Kinshaasaa keessaa kan jiran manoottan daldalaa ammii tokkos cufamanii oluun isaanii gabaasameera.

Haleellaa garee hidhatootaa baha Koongoo keessaa soccho’u fi M23 jedhamee beekamuu dhiheenyaa kana naannoo magaala Goomaa irratti raawatee balaalefachuudhaan ibsa kan baasee manni maree nageenyaa mootumoota gamtoomanii, lolli lixa koongoo keessatti taasifamaa jiru naannicha balaa hamaa keessa galchaa jira jedheera.

Kutann RDK Kiivuun kaabaa, walwaraansaa naannoo bara 1990 taasifamee as kan nageenyaa hin qabnee yemuu ta’u, bara 2021 gareen hidhatootaa M23 bakka riphii ture irraa ka’uudhaan haleellaa itti fufee boodaa naannichii naannoo hokkoraan guutamee ta’ee akk jiru ibsamera.

Umnii dhaabbata mootumootaa gamtoomanii waggoottan 25nan darbaniif RDK keessa qubatee jiraatus, nageenyaa siviilotaa eeguu hin dandeenye jechuudhaan qeeqi irratti dhihaachaa ture.

Waraanni dhaabbata mootummoota gamtoomaanii akka gadi lakisee bahuu gaaffi mootummaa biyyati biraa dhihaatee irraati hundaa’udhaan waraanichii akka biyya sana keessaa bahuu manni maree nageenyaa mootummoota gamtoomanii Ji’a Muddee darbe keessa murteesuun isa ani beekama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:57 0:00
More
XS
SM
MD
LG