Mootiin Joordaan Abdullaah 2ffaa, erga Onkoloolessa 7’tii as hogganaa biyyoota Arabaa keessaa ka jalqaba Waayit Haawusiin daawwatan jiru. Prezidaant Joo Baayiden waliin waa’ee namoota iggitaman gadhiisisuu, waa’ee waliigaltee jiruu akkasumas Israa’el Wiixata kaleessaa magaalaa Gaazaa gama kibbaa Raafaa haaleeluu eegaluu isheetiif, egereen Gaazaa maal taha ka jedhu irratti mari’atan jiru. Joordaan dhukaasa dhaabuun akka argamuuf dhiibaa kan jirtu yoo ta’u, Baayiden ammoo dhuma torban darbee tarsiimoo Israa’el qeequun mul’ateera.
Forum