Filannoo addaa Kibxata har’aa Niyoorkitti geggeessameen dhalattuun Itiyoophiyaa, paartii Rippubilikaanii bakka bu’an Maazi Melesaa Pilip fi paartii Dimookiraatiirraa miseensa mana-maree duraanii Toom Su’oozii tu, kutaa Niyoork xiqqoo tokkoo fi handaara ishee bakka-bu’uun barcuma Rippaabilikaanitichi miseensi mana-maree Joor Saantoos irraa kaasaman qabachuuf wal-dorgome. Joorj Saantoos yakka maammaltummaa fi maallaqa filannoo dhimma birootiif baasan himannaa jedhuun himatamanii Mana-maree bakka-bu’ootaan eegaleen sagaleen itti kennamee booda akka barcumicha gad-lakkisan taasisame.
Jandoon rooba guyyaa har’aa Niyookitti bu’aa jiru baay’ina uummata sagalee kennuuf yaa’uurratti dhiibbaa qabaachuu hin oolu jedhama. Wal-dorgommii kaadhimamtoota lameen keessatti dhimmi wal-falmii ijoon dhimmi godaantotaa – isa kutaalee Yunaayitid Isteetis biroo keessattis prezidaatii duraanii Donaald Tiraamp fi Prezidaant Joo Baayiden gidduutti qabxii wal-dorgommii ta’uuf deema, jedhamu dha. Maazii Melesaa Pilipp, dhimma kana irratti morkattuun isaanii Su’oozii fi dimookiraatonni kaan daangaa Yunaayitid Isteetis to’achuu hin dandeenye, jechuun jabeessanii qeeqaa turan. Dimookiraatichi Toom Su’ooziin ammoo “Pilipp himannaa ishee kanaaf ragaa qabatamaa hin qabdu,” jedhanii falman.
Forum