Ministrri tajaajila kominikeeshiinii motummaa Dr. Leggesee Tulluu raayyaan ittisa biyyaa tarkaanfii kan fudhate humnootii finxaaleyyii haleellaa raawwatan irratti jedhanii haleellaan siivilota irratti qiyyaafate yoo jirate ni qulqulleeffama jedhan.
Ministeerichi Dr. Leggesee Tulluu raayyaan ittisa biyyaa seera ittiin siivilotaaf eegumsa taasisu qaba jedhanii, hanga ammaatti raayyaan ittisaa fi walumaa gala humnootiinmootummaa siivilotaa fi waaltaalee siivilii irratti qiyyaafachuu isaanii waan mirkanaa’e hin jiru jedhan.
Mer’aawii keessatti haala uumame ennaa ibsan, humnootii finxaaleyyii hidhattoota isaan ittiin jedhan, kallattii afuriin mooraa raayyaa ittisa biyyaa weeraruuf ennaa dhufan akeekkachiisa kennameef tuffachuu dhaan dhukaasa banan jedhan.
Kana hordofees raayyaan ittisaa duula jalqabuu isaa kan ibsan ministrichi, hidhattoonni gara mana jireenyaa seenuun dhokachuu isaanii hubachiisaniiru. Raayyaan ittisaa manaa mana irra deemee ennaa sakatta’utti hidhattoota haleellaa rawwachuu yaalan irratti tarkaanfii fudhate kan jedhan Dr. Leggeseen, haleellaan siivilota irratti fuuleffate yoo jiraate ibsanii mootummaan haala isaa ni qulqulleessa jedhan.
Amajjii 20 bara 2016 ajjeechaan namoota nagaa irratti fuuleffachuun raawwatame na yaaddessa jechuu dhaan gamtaan Awrooppaa ibsa kaleessa baaseen beeksiseera. Magaalaa Mer’aawii dabalatee naannoo Amaaraa bakkawwan sadii keessatti baatii Amajjii darbe yoo xiqqaate namoonni 66 humnoota mootummaan akka ajjeefaman komiishinni mirga namoomaa Itiyoophiyaa Kibxata kaleessaa beeksisuun isaa ni yaadatama.
Haleellaa Mer’aawii sanaan Faannoof deggersa gootan jedhamuu dhaan yoo xiqqqaate siivilota ajjeefaman 45tti dabalee, miseensota Faannooti jedhamuu dhaan kanneen shakkaman ajjeefamuu illee komiishinichi ibseera.
Gumiin mirga namoomaa Itiyoophiyaa immoo Amajjii 28 bara 2016 ibsa baaseen namoonni nagaan haleellaa Mer’aawii sanaan du’an 80 ol ta’uu ibsee ture.
Mootummaan Ameerikaas ajjeechaan sun akka isa yaaddesse ibsuu dhaan qorannaan akka geggeessamu gaafachuu isaa gabaasuun keenya ni yaadatama. Daayirikterri gamtaa dhaabolii mirgoota namaa kan Itiyoophiyaa Mesuud Gebeyehuu VOAf akka ibsanitti naannoo Amaaraa keessatti raawwatamaa kan jiru ajjeechaan namoota nagaa yaaddessaa ta’uu tuqanii qaama walabaan akka qoratamu yaadachiisaniiru. Minisrichi Dr. Leggesee Tulluu gama isaaniin naannoon sun labsii yeroo muddamaa jala waan jiruuf hojiin qorannaa boordii raawwatiinsa qorannoo kan yeroo hatattamaan akka raawwatamu dubbataniiru jechuu dhaan Kenedii Abaatee gabaaseera.
Forum