Baatii lamaan darban qofaa buqqaatonni kuma 12 ol naannoo humnoota Eertraan qabamanii fi mootummaan federaalaa bakka falmisiisaa jechuun ibsu naannolee Tigraayii fi Amaaraa daangessan keessaa buqqa’uu isaanii komiishinni yaaddoo balaa naannoo Tigraay ibsee jira.
Itti gaafatamaan komiishinichaa Dr. Gebre Hiweet Gerbe Igzaaber VOAf ennaa ibsan, naannoo sana keessaa kan duraan qe’ee ofii irra buqa’an gara qe’ee isaanitti akka deebi’an gaafatamaa utuu jiruu, buqqaatonni haaraan dabalamuun rakkoo namoomaa jiru daran akka hammeessu dubbataniiru.
Komiishinerichi akka ibsanitti, buqqa’uu kanaaf sababaa ijoon humnoonni walii galtee Pritooriyaa sana hin deggerre dhalattoota Tigraay irratti kan raawwatan hidhaa fi dararaa dha jedhan. kunis nageenya sana gufachiisuuf kan isaan taasisan jechuun itti dabaluun dubbataniiru.
Bulchiinsi yeroo kan naannoo Tigraayis buqqaatota haaraa galmaa’an ilaalchisee dhaabolii gargaarsaa kan sadarkaa addunyaatti beeksisuu isaa illee komishinerichi ibsaniiru.
Godina kaaba gama dhiyaa aanaa waaltaa buqqaatotaa Indaabbaagunaa keessa kanneen jiran kanneen dhiyeenya qe’ee ofii irraa buqqa’an akka jedhanitti, rakkoon nageenyaa naannoo isaan keessa jiraataa turan yaaddoo inni itti uumee fi balaan beelaa naannoo sanaa buqqa’uuf sababaa ta’uu ibsaniiru.
Hooggansa naannoo Amaaraa biraa deebii argachuuf yaaliin taasiame illee hin milkoofne. Hoogganoonni naannichaa kana dura himannaa wal fakkaatu dhiyaate fudhatama dhabsiisuun isaanii ni yaadatama jechuu dhaan Mulugeetaa Atsbehaa Meqelee irra gabaaseera.
Forum