Dhimmootii Afriikaatti itti aantuun ministrii d himma alaa Yunaayitid Isteetis Moolii Fii gumii waggaa kan gamtaa Afriikaa irratti hirmaachuuf jecha gara Itiyoophiyaatti imalanii jiran. Ennaa mootummaan Itiyoophiyaa biyya hollaa Somaaliyaa waliin dabalatee rakkoo hedduun isa mudatee jiru kanatti itti aantuu ministrittiin muummicha ministeeraa Abiy Ahimed waliin wal arganii jiran.
komiishinera ol aanaa kan komiishina mirga namaa Itiyooohiyaa Daani’el Beqqelee waliin illee mari’ataniiru.
Itiyoophiyaa fi biyyootii hollaa ishee dabalatee biyyoonni Afriikaa adda addaa rakkoo nageenyaa keessa ennaa jiranitti, gumiin gamtaa Afriikaa Finfinnee keessatti geggeessamu itti fufee jira.
Mata dureen marii gamtichaa barnoota kan ilaale ta’us, gumiin isun rakkoolee ardittii keessaa irratti fuuleffachuu dhaan kan mari’atu ta’uu dura taa’aan kmiishiina gamtichaa ibsaniiru.
Afaan Amaaraa afaan hojii sirnaa akka ta’u kan gaafatte Itiyoophiyaan, nageenya ishee cimsuuf gamtichaa fi michoota ka biroo waliin hojjechuuf qophii ta’uu ministeerri dhimma alaa dubbataniiru.
Itti aantuun ministriii dhimma alaa kan US Moolii Fii, muummicha ministeeraa Abiy waliin marii bu’a qabeessa geggeessuu isaanii fuula ‘X’ kan waajjira isaanii irratti kan tuqan yoo ta’u, mariin isaanii ijoon, Itiyoophiyaa darbees nageeny gaanfa Afriikaa, dimokraasii fi badhaadhina irratti kan fuuleffate ta’uu ibsaniiru.
Marii sana irratti ergamaan addaa US kan gaanfa Afriikaa ambaasaadder Maayik Hamer kan argaman yoo ta’u dhimmootii ardii fi ka biroo irratti mari’annee jirra jechuu dhaan muummichi ministeeraa Abiy fuula miidiyaa hawaasaa ofii irratti ibsaniiru. Moolii Fii kan irratti hirmaatan gumiin 37ffaan kan gamtaa Afriikaa, dhimmootii nagaa irratti gad fageenyaan mari’atee murtii kan darbarsu ta’uu gamtichi beeksiseera jechuu dhaan Kenedii Abaatee Finfinnee irraa gabaaseera.
Forum