Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnoonni Israa’el Hospitaala Kahaan Yuunis Irratti Haleellaa Geggeessan


Humnoonni Israa’el Hospitaala Kahaan Yunis Kan Gaazaa Keessaa Irratti Haleellaa Geggeessan
Humnoonni Israa’el Hospitaala Kahaan Yunis Kan Gaazaa Keessaa Irratti Haleellaa Geggeessan

Waraanni Isra’el hospitaala Hospitaala Gaazaa gama kibbaa keessatti duula geggeessaa jiraachuu kan ibse yoo ta’u, angawoonni eegumsa fayyaa Gaazaa akka jedhanitti dhukaasi Israa’el raawwatte nama tokko yoo galaafatu kanneen biroo hedduu bakka sana turan madeessee jira.

Humnootiin ittisaa ibsa baaseen akka jedhetti Hamaas hospitaala Naaser kan Kahaan Yunis keessatti iggitamtoota hidhee jiraaachuu isaa odeeffannoo basaasaa qabatamaa qaba, kanaaf reeffi igitamtoota keenyaa keellaa hospitaala Naaser keessa jiraachuu mala jedhee jira.

Humni ittisaa Israa’el irra deddeebi’uu dhaan loltoonni Hamaas siivilota Faalisxiin jala dahatu jedhee jira. uummannis nageenya isaaniif jecha naannoo sana irraa akka fagaatan akeekkachiisee jira.

Ergaan nuti isaaniif qabnu ifaa dha. Nuti siviilota hin miinu. Iggitamtoota keenya argannee biyya isaanitti deebisuu feena. Shororkeessota Hamaasiin bakka isaan dhokatan eessattuu ni adamsina jechuu dhaan humni ittisaa Israa’el beeksisee jira.

Ministriin eegumsa fayyaa Hamaasiin hoogganamu akka jedhetti loltoonni Israa’el bakka qabatanii dhukaasan uummanni gamasii akka hin baane ittise, haalli hospitaalichaas amansiisaa akka hin taane ogeessonni eegumsa fayyaa akeekkachiisaniiru.

Doktoronni daangaan hin uggurre Roobii kaleessaa Israa’el namoonni qe’ee isaanii akka ba’an ajajuu balaaleffachuu dhaan hojjettoonni isaa kanneen hospitaala sana keessa jiran haala hin danda’amne keessatti dhukkubsattoota wal’aanaa jiran.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG