Xurree ittiin seenan

Breaking News

Meeshaa Waraanaa Ammayyaa Iraan Humnoota Hutiif Ergite Qabuu Waaltaan Ajajaa Yunaayitid Isteetis Beeksise


Waaltaan Ajajaa Yunaayitid Isteetis Meeshaa Waraanaa Iraan Warreen Hutiif Ergite Qabuu Isaa Beeksise
Waaltaan Ajajaa Yunaayitid Isteetis Meeshaa Waraanaa Iraan Warreen Hutiif Ergite Qabuu Isaa Beeksise

Humnoonni Yunaayitid Isteetis meeshaalee jabanaa fi gargaarsa meeshaa lubbuu galaafatu ka biroo Iraan irraa naannoo Ymen warreen Hutii to’atanii jiranitti ergamaa ture irratti Amajjii 28 Galaana Arabaa irratti qabuu isaanii waaltaan ajajaa Yunaayitid Istaates ibsa Kamisa har’aa baaseen beeksiseera.

Maraa 200 kan meeshaa misaayila baalistikaa fageenya giddu galeessaa, dhukaatota, meeshaalee konkolaattota bishaan jala deeman kan nam-maleeyyii, meeshaa quunnamtii waraanaa fi meeshaalee farra taankii, kanneen biroo doonii sana irraa argamuu waaltaan ajajaa kan Yunaayitid Isteetis beeksisee jira.

Iraan geejjiba doonii sadarkaa addunyaaf saodaachisuu dhaaf akkasumas daldalli walabaa akka hin geggeessamne meeshaa waranaanaa jabanaa warreen Hutiif erguu itti fuftee jirti jechuun ajajan waaltaan ajajaa kan Yunaayitid Isteetis Komaander Michael Erik Kurilla ibsaniiru.

Finxaaleyyiin warreen Hutii kan Yemen keessaa, Faalisxiinota waraana Israa’el Gaazaa keessatti raawwataa jiru dura dhaabbatan deggeruuf jecha irra deddeebi’uu dhaan erga walakkeessa baatii Sadaasaa qabee irra deddeebi’uu dhaan dooniiwwan daldala sadarkaa addunyaa irratti haleellaa diroonii fi misaayilaa raawwataa jiru.

Gama biraan dhimma Yemenitti jila addaa kan Tokkummaan mootummootaa gocha balaa kan Yemen keessaa kun akka dhaabatu Roobii kaleessaa waamicha dabarsanii jiran.

Ripxe loltoonni kun tarkaanfii waraanaa isaan tuqatan kanneen warreen Faalisxiin Gaazaa keessaaf deggersa qabnu agarsiisna jedhan doonilee irratti haleellaa isaan raawwatan haleellaan qilleensa irraa kan Yunaayitid Isteetisii fi Briteen akka itti fufu sababaa ta’e.

Qaamoliin Yemen keessaa fi kan naannoo kanneen fudhatama qaban haala galaana diimaa irraa akka tasgabbaa’u mariisisaan jira jechuu dhaan Hans Grundberd gola naga eegmsaa kan tokkummaa mootummootaaf ibsaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG