Gaazexeessitoota bara 2023 guutummaa Addunyaarratti ajjeefaman keessaa dhibbeentaa 70 ol kanneen gabaasa waraana Paaleestiini Gaazaa keessaa fi kan Israa’eel hojjechaa turanidha jedha gabaasni haaraan Kamisa har’aa ba’e tokko.
Gareen Koree mirga gaazexeessitootaaf falmu CPJ’n gabaasa isaa haaraa baase kanaan gaazexeessitootaa fi hojjetoota miidiyaa osoo hojii isaaniirra jiranii ajjeefaman keessaa 77 waraana Hamaas fi Israa’eel osoo gabaasaa jiranii warra ajjefaman jedheera. Warra kana keessaas 72 gaazexeessitoota lammii Paalestiin kanneen halleellaa Israa’eeliin ajjeefaman, lamma immoo lammiilee Liibaanoosii fi lama kan Israa’eel ta’uus gabaasichi ifoomseera. Erga bara 2015 as lakkoofsi olaaanaan gaazexeessitoonni ajjeefamuun bara 2023tti dhibbeentaa 44 dabaluu kan ibse CPJ’n bara 2024 kanattis Gaazexeessitoonni 11 waraana Israa’eelii fi Hamaas irratti ajjeefamaniiru jedheera.
Forum