Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaa Israa’el Raafaatti Raawwatteef Himannaa Afrikaa Kibbaa ICC-tti Dhiheessite Akka Fudhatama Dhabu Isiraa'el Gaafatte


Haleellaa Israa’el Raafaatti Raawwatteef Himannaa Afrikaa Kibbaa ICC-tti Dhiheessite Akka Fudhatama Dhabu Isiraa'el Gaafatte
Haleellaa Israa’el Raafaatti Raawwatteef Himannaa Afrikaa Kibbaa ICC-tti Dhiheessite Akka Fudhatama Dhabu Isiraa'el Gaafatte

Ministirri Muummee Israa’eel Beenjaamiin Netaaniyaahuu Jimaata kana fuula hawwaasaa isaarratti akka maxxansetti Paaleestiiniif akka mootummaatti beekamtiin kennamu shoroorkeessummaa kanaan dura hin argameef badaasha kennuudha jedhe. Maxxansa kana baasees erga miseensota Kaabinee isaa fi Pireezidaantii Yuunaayitid Isteetsi Joo Baayideen waali dubbatanii boodas jedhameera. Akka gabaasa Waashingiton Postittimmoo Yuunaayitid Isteetsii fi michoonni ishee biyyoota Arabaa wal dhabdeewwan biyyoota baha gidduu galeessaa biyyoota lamaan gidduu jiru karaa nagaa furuuf karoorfataniiru jedha.

Beenjamiin maxxansa isaa fuula miidiyaa “X’ irratti ifoomseen Israa’eel qophii dhaabbataa Paaleestiin waliin taasifamu ilaalchisee ajaja Idil addunyaa hin fudhattu jedhan. Kunis mariin ykn qophiin paalistiinoota waliin taasifamu kamiyyuu haal duree tokko malee marii kallattiin qaamoota lamaan gidduutti taasifamu qofaan ta’a. Manni murtii haqaa Idil Addunyaa himannaa Afiriikaa Kibbaa hordofee paaleestinoota Raafaa keessaaf mirga isaanii eegsiisuuf tarkaanfiiwwan hatattamaa dabalataa akka kennu kan gaafate Kufaa akka taasisus Israa’eel gaafatteetti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG