Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mormituun Raashiyaa Beekamaan Mana-Hidhaa Ture, Alekseey Naavaalnii Du'uun Dhagahame 


Mormituun Raashiyaa Beekamaan Mana-Hidhaa Ture, Alekseey Naavaalnii Du'uun Dhagahame 
Mormituun Raashiyaa Beekamaan Mana-Hidhaa Ture, Alekseey Naavaalnii Du'uun Dhagahame 

Aleeksii Navaalnii ga’eessi ganna 47 fi mormituu pirezidaantii Puutiin himannaan finxaaleessummaan himatamee waggoonni 19 itti murtaa’ee mana hidhaa keessa kan ture achuma mana hidhaa addaa Raashiyaa keessatti jimaata darbe kana kufee du’eera jechuun angawoonni mana hidhaa himaniiru. Yeroo inni kufe sanattis ogeessoonni yaalaa waamamuu kan himan angawoonni battala isaan dhaqqabanitti garuu lubbuun isaa ba’eera jedhaniiru.duuti hoogganaa mormituu kunis qoratamaa jiras jedhameera. Dubbii himaan mootummaa Raashiyaa Dimitirii Peeskoov du’uu Aleeksii Naavaalnii pireezidaantiin biyyattii Puutiin dhaga’uu ibsanii tajaajilli mana hidhaa hojimata sadarkaa isaa eeggateen akka ilaalus himaniiru.

Hoogganaan mormituu Puutiin, Navaalniin kanaan kanaan dura qoricha summii waraanamuun Narvii dhukkubsatee kan ture biyya Jarmanitti yaalarra turee bara 2021 gara Mooskotti deebi’uun angawoota Malaanmaltummaa hojjetan, Kiremliin keessatti hiriirota mormii qindeessuu fi filannoof dorgomaa ture himannaan irratti banamee kan mana hidhaa seene. Mana hidhaa duraan keessa turerraa ji’a Sadaasaa darbe kan gara mana hidhaa addaa isa jedhamu Mooskoorraa Kiloomeetira 1,900 fagaatu gara Kaaba bahaatti dabarfame.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG