Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Awaash Arbaatti Obonboleettiin Ka’e Buufata Waraanaa Hidhamtoonni Keessa Tursiisaman’rra Miidhaa Geessise Jedhame


Naannoo Awaash Arbaatti Obonboleettiin Ka’e Buufata Waraanaa Hidhamtoonni Keessa Tursiisaman’rra Miidhaa Geessise Jedhame
Naannoo Awaash Arbaatti Obonboleettiin Ka’e Buufata Waraanaa Hidhamtoonni Keessa Tursiisaman’rra Miidhaa Geessise Jedhame

Buubbeen Naannoo Affaar ,Awwaash Arbaatti ka’e hidhamtoota 20 ta’an kanneen Buufata waraanaa keessatti hidhamanii jiranirratti mana diiguun miidhaa geessisuu namoonni yaada isaanii sagalee ameerikaaf kennan himaniiru. Namoota hidhaa keessa turan kan amma miidhaan irra ga’eeru gara hospitaala Awwaash sebaattitti geejibsiifamaniirus jedhan namoonni odeeffannoo sagalee Ameerikaaf kennan.

Labsii yeroo ariifachiisaa hordofee namoonni to’annoo jala oolfamaniiran bakka kanatti hidhamanii akka jiran maatiin hidhamtootaa sagalee Ameerikaatti himanii Yoo maqaa keenya dubbanne nageenya namoota to’annoo jala jiraniif ni sodaanna kan jedhanii fi obboleessi koo tokko achi jira kan jettu namni yaada ishee nuuf ibsite akkan taatee kana dhaga’een gara waajjira poolisii Federaalaa deemee gaaffadheen miidhaan namarra ga’eeru hin jiru naan jedhaniiru jettee garuummoo Obboleessa koo maatiinis ta’e ani erga to’annaa jala oolfamee ji’a tokko kan ga’eeru arginee hin beeknu jetti. Namni biraan yaada ishee sagalee Ameerikaaf kennitemmoo Abaan manaa ishee hospitaala Awwaash Sebaattii jedhamu keessa miidhaan irra ga’ee seenuu namni ani hin beekne tokko bilbilee natti himeera jedhanii erga taateen kun ta’e jedhamees akka hin argatiin jiran himaniiru.

Dhimmicha irratti Sagalee Ameerikaaf deebii kan kennan Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaatti Daayireektarri Komuunikeeshinii Jeeyilaan Abdii kaleessa galgala sa’aatii 12 irratti Awwaash Arbaatti qilleensi buubbee makate ka’ee galma shakkamtoonni keessatti nayaata nyaatanii fi biiroowwan poolisii irratti miidhaa geessiseera jedhaniiru. Kanaanis namoota ja’arra miidhaan salphaan ga’eera kan jedhan Jeeyilaan yaalli fayyaa taasifameefii deebi’aniirus jedhaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG