Deeggartoonni mootummaa Eritiriyaa kanneen Neezeerlaand keessaa wal ga’ii gaggeeffachaa osoo jiranii mormitoonni mootummichaa dhalattoonni Eriitiritiyaa jeequumsa kaasaniin konkolaatoonni Poolisii fi Awutoobisiin gubachuu poolisiin Ze Heeg beeksiiseera. Dubbii himtuun poolisii Kiristiyaanee Vaan Bilaankeen miidhaan namootarra ga’eeruu fi kanneen jeequmsa kaasan to’annaa jala oolfamuu gaafatamanii deebisuurraa of qusataniiru. Jeequmsa kana dhaabuuf garuu poolisiin tarkaanfiigaaza imimmaansuu fudhachuu ibsiteetti.
As biyya Yuunaayitid Isteetsi kutaa Kaaba Karoolaayinaa magaalaa Chaarloti keessattis Sanbata darbe deeggartppnni mootummaa Eriitiriyaa sagantaa Feestivaalaa qopheessuu hordofee , mormii deeggartoota mootummaa Eritiriyaa fi mormitoota isaa giduuttii uumameen jeequmsi ka’uu hordofee namoonni to’annaa jala oolfamuu poolisiin beeksiiseera. Akka Poolisiin beeksisetti mormichi gara jeequmsaatti cee’uu hordofee namoonni Saddte to’annaa oolfamuu fi qawween lamas to’annaa jala oolfamuu ifoomseera.
Jeequmsi ammaa kun jeequmsoota biyyoota Awurooppaa garaa garaa keessatti sagantaawwan dhalattoonni Eriitiriyaa qopheessan irratti ka’e waliin wal fakkaata. Bara 2023 ji’a Fulbaanaa darbe kanas biyya Jarman kibba lixaa magaalaa Istaatgaart keessatti ka’een poolisoonni 26 miidhamaniiru. Akkasumas Lixa Jarman magaalaa Giyeesiin keessattis jeequmsa dhalattoonni Eritiriyaa walirratti kaasaniin poolisoota 22 irra miidhaan ga’ee ture. Biyya Israa’eel Magaalaa Tel’aviiv keessattis kanneen deeggartoota mootummaa Eritiriyaa Isaayyaas Afewarqii fi mormitoota isaa gidduutti ka’een jeequmsa gara daandiitti ba’een gaaga’ama hedduu dhaqqabsiisee ture.
Forum