Hoogganaan mormituu mootummaa Raashiyaa aangoorra jiruu Aleeksii Navaalnii torbaan darbe keessa mana hidhaa keessatti du’uu hordofee hooggantoonni biyyoota lixaa Raashiyaa irratti komii dhiyyeessaa jiru. Raashiyaa keessattimmoo angawoonni mootummaa Raashiyaa fi poolisiin namoota du’uu Aleeksii Naavalnii hordofee gadda isaanii ibsachuuf Abaaboo kaa’aa jiran dhorkuu fi kanneen gadda ibsatanis to’annaa jala oolchaa jiru.
Raashiyaa keessatti miidiyaaleen walabaa fi gareen mirga namoomaa “OVD-Info” jedhamu akka gabaasanitti erga duuti Naavaalnii dhaga’amee booda taateewwan gadda ibsachuuf magaaloota 32 keessatti raawwataniin namoonni gara 400 ta’an to’annaa jala oolfamaniiru.
Gama biraatiinimmoo haati hoogganaa mormituu Aleeksii Naavaalnii guyyaa sadaffaaf reeffa ilma isaanii argachuuf akka dhorkaman gareen isaanii wiixata kana beeksisaniiru.
Navaalniin nama yeroo dheeraaf Kireemiliin irratti addattimmoo bulchiinsa Vilaadmiir Puutiin irratti qeeqa dhiyyeessuun beekamu yommuu ta’u bara 2020 ji’a muddee keessa dhaabbata nageenyaa Raashiyaa isa “FSB” keessatti summii narvii oomishamuu mirkanaa’een summaa’uun biyya Jarmanitti yaalarra turuun gara Mooskootti erga deebi’een booda himannaa Finxaaleessummaan irratti dhiyaateen adabbiin hidhaa waggoota 19 itti murtaa’ee mana hidhaa sana keessatti turban darbe duuti isaa kan dhaga’ame. Raashiyaan gama isheen du’a Naavaalnii ilaalchisuun moora mana hidhaa keessatti kufuu himuun alatti dhukkuba isaa hin ifoomsine. Hooggantoonni biyyoota lixaa garuu yaada Raashiyaan dhiyyessite hin fudhatan. Pireezidaantiin Yuunaayitid Isteetsi Joo Baayideen du’a Naavaalnii ilaachisuun ibsa kennaniin kan itti gaafatamuu qabu Puutidha. Waanti Naavaalnii irratti raawwate garaa jabummaa fi hammeenya Puutiin addunyaatti agarsiisuuf ragaadha jedhaniiru.
Forum