Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sochiin Tigiraayiin Deebisanii Ijaaruu Saffisuu Akka Qabu Koomishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Hubachiise


Sochiin Tigiraayiin Deebisanii Ijaaruu Saffisuu Akka Qabu Koomishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Hubachiise
Sochiin Tigiraayiin Deebisanii Ijaaruu Saffisuu Akka Qabu Koomishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Hubachiise

Komishinichii ji’aa Sadaasaa darbee keessa hordofii naanoo Tigraay keessatti taasisee irratti hunda’uun ibsa har’a Guraandhala 12 bara 2016 baaseen sochiin namootan sababa waraanatin jireenyaa isaanii irraa buqa’an deebisanii dhaabuun yaraa ta’uu isaatiif itti fufiinsaa kan hin qabne ta’uu isaa ibse jira.

Komishinichatti daarekteeraa hordoffi fi qorannoo mirga namoomaa kan ta’an Selaamaawiit Girmaay akka sagalee Amerikaatti himaniitti, ergaa waliigalteen pritooriyaa taasifamee as Tigraay keessatti hanqinaa Nyataatiin rakkinaawan walqabataniin kan ka’e namoottan qe’ee isaanii irraa buqa’an 1000 ta’an du’anii jiru.

Mooraa buqaatotaa guutummaa naanichaa keessa jiran 11 keessa namoottan qubatanii turan keessa kuma 26 kan ta’an fedhii isaanitin gara qe’ee isaanitti akka deebi’an kan ibsee komishiinin mirga namoomaa Ityoophiyaa , sababa dhiibbaa umnoottan Eertiraa fi umnoottan naannoo Amaaraatiin kan ka’ee namoonii kuma 12 ta’an akka haaratti jireenya isaanii irraa buqa’uu isaanii eree jira.

Godina kibba naanichaa keessa walwaraansaan dura kuma 200 fi kuma 30 kan turee lakkoofsi baraattootaa yeroo amma gara kuma 70ti gadii bu’ee jira. walwaraansaan dura kuma 7 fi 351 kan ture lakkoofsii barsiisotaa yeroo ammaa gara kuma 3 fi 152 ti xiqqaateera.

Naanichaa keessatti manoottan baruumsaa manca’an guutumaatti akka gara hojiitti hin deebine, dhaabbileen fayyaa hedduun akka hojii hin jalaqabnee, namootan waraansaan walqabatee miidhaan qor qalbii irraa gaheef akka gargaarsii gahaan taasifamaa hin jirre, kan ibsee komishiniin mirga namooa Ityoophiyaa, bulchiinsii naannoo Tigraay, mootummaan feederaalaa fi dhaabbileen hawwsaa adduunyaa dhaabbilee diigaman deebisanii suphuudhaaf namoottan miidhaan irra gahe waldhanuudhaaf akka hojjatan gaafachuu isaa kan ibsee gabaasnii Mulugeetaa Atsibahaa dhimma kana irratti bulchiinsaa yeroo kan naannoo Tigraay irraa yaada argachuudhaaf yaaliin taasifame akka hin milkoofne eeree jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG