Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyyi Somaaliyaa  Walwaraansaa Bara Dheeraatii Booda Of Dandeessee Socho’aa Jirti, Jedhan Bakka-buutuun  Mootummoota Gamtoomanii


Biyyi Somaaliyaa  Walwaraansaa Bara Dheeraatii Booda Of Dandeessee Socho’aa Jirti, Jedhan Bakka-buutuun  Mootummoota Gamtoomanii
Biyyi Somaaliyaa  Walwaraansaa Bara Dheeraatii Booda Of Dandeessee Socho’aa Jirti, Jedhan Bakka-buutuun  Mootummoota Gamtoomanii

Somaaliyaatti hogantuu ergama gargaarsa dhaabbata mootumootaa ykn isa UNSOM jedhamee beekamuu kan ta’an Kaatiriyoonaa Laaying mana maree nageenyaa dhaabbata mootumoota gamtoomanii irratti ibsaa keleessa kennaniini, ergaa bara 2023 dhimma Somaaliya irratti dhabata mootumootaa gamtoomaniif ibsa kennanni as biyyattin hawaasaa baha Afrikaatti makamuu ishee, gargaarsaa addaa biyyoottan liqaan irraa jiruu furuuf deggersaa taasifamuu argachuudhaaf akka gahaa jirtu, qoqqobbiin meeshaa waraanaa akka irraa ka’u akka mirkaaneeffatte, akkasumas mana maree nageenyaa dhaabata mootumootaa keessatti Gamtaan Afrikaa akka teessoo aragatuu gaafachuu ishee ibanii jiru.

Karaa nageenyaatiin Somaaliyaan eegumsaa naga eegdotaa Gamtaa Afrikaa jalaa baatee waraana matta isheetiin of danda’uudhaaf gaafii dhiheessa akka jirtu kan ibsan bakka buutuun mootumoota gamtoomanii, balaa umamaatiin, keessumaa balaa lolaa bishaaniitin kan ka’ee bara 2023 keessa lammileen Somaliiya Miiliyoonii Lamaa fi qabxii 4 ta’an miidhamuu isanii ibsaniiru.

Somaaliyaatii bakka bu’aa addaa kan dura taa’aa komishiinii gamtaa Afrikaa ta’an Souf Mohamed El Amine yaada mana maree naageenyaa irratti kennaniin, waligaltee dhiheenyaa kana mootummaan Itiyoophiyaa fi kutaan Somaalilaand malateesaan ilaalchisuudhaan, manii maree nageenyaa fi dhabileen gargaraa birmadummaan, tokkummaanii fi daangaan Somaaliyaa akka kabajanu fedhii gamtaan Afrikaa qabuu dhagesisanii jiru.

Dhaabbata mootummoota gamtoomanitti bakka bu’aa dhaabataa Somaaliyaa kan ta’an Abuukar Dahir Osman gama isaaniitii, Somaliyaan of dandeessee dhaabachuudhaaf yemmuu tattafii gochaa jirtu kanatti, daangaa fi birmadumaa ishee akka seeraa adduunyaatii beekame irratti balaa aggaamamuuf deebii kennuuf mirgaa guutuu akka qabduu ibsuun isaanii gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG