Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lolli Rippaabilikii Dimookiraatawa Koongoo Gama Bahaa Keessatti Itti Fufe Yaaddoo Guddaa Uumuusaa Jaarmayaaleen Gargaarsaa Ibsan


Lolli Rippaabilikii Dimookiraatawa Koongoo Gama Bahaa Keessatti Itti Fufe Yaaddoo Guddaa Uumuusaa Jaarmayaaleen Gargaarsaa Ibsan
Lolli Rippaabilikii Dimookiraatawa Koongoo Gama Bahaa Keessatti Itti Fufe Yaaddoo Guddaa Uumuusaa Jaarmayaaleen Gargaarsaa Ibsan

Akka dhaabbileen gargaarsaa jedhanitti baha koongoo isaa waggoottaniif walwaraansaan jeeqamaa jiruu keessatti lolli haraan dhiheenyaa kana garee hidhatootaa M23 jedhamuu fi waraana mootumma giduutti taasifamaa jiru sochii gargaarsa namoomaa gufachiisee waan jiruuf lubbn namoottan Miiliyoonatti lakkawamuu balaa haaraa keessa seenuuf deemaa jira.

Gareen M23 lola hara dhiheenyaa kana jalqabeen bakkaa Magaalaa guddaa Goomaa jedhamuu irraa Kiilomeetirii 27 fagaatu too’achuun isaa namoottan gargaarsii isaan barbaachisuu miiliyoonii Lama ta’an akka magaalaa gargaarsa magaala Goomaatii argatan irraa gargar kutuu isaa dhaabbileen gargaarsaa ibsanii jiru.

Dhabbanni gargaarsaa Noorwejiyaan Refuujii Kaawunsil jedhamu akka ibseetti lola guyyaa shan keessatti tasifameen amma amaatti namoottan kuma 100 fi kuma 35 ta’an jireenyaa isaanii iraa buqa’aniiru.

Koongootti Waltajiin dhaabbilee miti-mootummaa Addunyaa gama isaatiin akka ibsetti, bakkaawwan lolli kessatti taasifamaa jiru keessa kan hojjachaa turan ogeessonni fayyaa fi hojjattoonni dhaabbile gargaarsaa naanicha gad lakkisaanii bahuuf dirqamaniiru.

Akka dhaabbanii mootumoota gamtoomanii dhimma baqattootaa irratti hojjatu jedhetti, walwaraansaa amma ammatti Koogoo keessa jiruun namoonni Miiliyoonii Jaha ta’an buqa’anii gargaarsan jiraachaa jiru.

Gareen hidhatootaa M23 jedhamuu mootummaa Ruwaandaatiin degerama jechuudhaan Mootummaan Reppaabliikii Dimokraatawaa Koongoo himachaa akka jiru ni beekama.

Yunaayitid Isteets torban kana keessa ibsaa baasteen wareen garee M23 degeran balaaleffachuudhaan sochiin amma jiru naanichaa jeequmsaa hamaa keesaa galchuudhaaf akka deemu beeksiftee jirtii. Mootummaa Ruwaandaa komii issa irratti dhihaachaa jiru irra deddebi’ee haalaa jiraachuun isaa ni beekama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG