Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Maree Naga-eegumsaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Dhimmaa Dhukaasa Dhaabinsa Isiraa’elii fi Hamaas’rratti Sagalee Kennuuf Jira


Manni Maree Naga-eegumsaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Dhimmaa Dhukaasa Dhaabinsa Isiraa’elii fi Hamaas’rratti Sagalee Kennuuf Jira
Manni Maree Naga-eegumsaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Dhimmaa Dhukaasa Dhaabinsa Isiraa’elii fi Hamaas’rratti Sagalee Kennuuf Jira

Qixata har’aa Waraanni Israa’el kibba Gaazaa keessatti lola yemmuu itti fufee jirutti Yaadinii manni maree nageenyaa murtoo irratti kenuuf deemu kun kan qopha’ee biyya Aljeeriyaatiin yemuu ta’u, dhimmaa attattamaan dhukaasa dhaabuu, dhimmaa gargaarsaa namoomaa dabalataan raabsuu fi lammilee palastaayin umnaan jireenyaa isaanii irraa buqisuu dhaabsisuu kan of keesaa qabu akka ta’e ibsameera.

Haa ta’u malee dhaabbata mootummota gamtoomanitti ambaasadera Yunaayitid Isteets kan ta’an Liindaa Toomas Giriinfild, Yunaayitid Isteets yaadicha sagaleedhaan akka kufsifuuf deemtu ibsanii jiru. Sababnii isaas yaalii rakkinicha furuu Yunaayitid Isteets karaa isheetiin taasisaa jirtu kan gufachiisuudhaa jedhameera.

Yaadinii Yunaayitid Isteets qopheesitee, waa’ee namoottan Hamaasiin butamanii fudhataman gad lakkisiisuu, wa’ee siviilota Raafaa keessa jiran haleella Israa’el irraa baraaruu kan of keessa qabu akka ta’e bekameera.

Yunaayitid Isteets Masrii fi Kaatarii wajjin ta’uudhaan yaliin waligaltee umuu torbab darban keessaa taasiftee ittu hin milkaa’in hafuun isaa beekameera. Yunaayitid Isteets, yaada ishee haraa yoomm akka mana maree nageenyaatti dhiheessituu addaan bahee wantii ibsame hin jiru.

Israa’el bakka daangaa Masr irratti argamuu Raafaa keessa hidhattoonii Hamaas riphanii jiru jechuudhaan haleellaa akka itti fuftuu ibsitee siviilonni naannoo sana jiranu immoo bakka biraatti akka darban taasisudhaaf karooraa akka qabdu ibsaa jirti.

Dhaabbanii mootumoota gamtoomanii sivilootaa fedhii isaanii malee bakka qubatanii jiran gadi dhisisuun sirrii akka hin taanee ibsee, Gaazaa keessa bakki naga qabeessii sivilotaatiif mijataa ta’e akk hin jirre ibseeraa.

Biyyi Masr lammilee Palstaayin garaa daanga isheetii dhiibuu kan mormitee yemuu ta’au, Israa’el garuu gara daangaa Masiritti namootaa dhiibuudhaaf karoora akka hin qabnee ibsuudhaaf yaada Masr mormitee jirti.

Haleella waraanni israa’el raawateen kan miidhamee hospitaalaa bakka Kahaan Yuniisti argamuuf Naasiir jedahmuu keessaa dhukubsatootaa jiran keessaa namoottan 32 wareen haalaa hamaa irra jiran baasuu isaa dhaabata mootumoota gamtoomanitti dhaabbani fayya Aduunyaa ibsee jira.

Haleellaa Israa’el hospitaalichaa irratti raawwateen yeroo amma dhaabbannii fayyaa sun hojii isaa akka dhaabee kan ibse WHOn hojjatoonni fayyaa hospitaalicha keessa turan akka bakka Sanaa baafaman gaafachaa jiraachuu isanii ibsee jira.

Haleellaa gareen Hamaas Onkoloolesa 7 Israa’el irratti raawwate hordoofuudhaan lola taasifamaa jiruun lammileen Paalastaayin kuma 29 fi 195 du’anii kuma 69 fi 170 kan ta’e immoo madaa’uu isaanii ministeerri fayyaa Gaazaatti argamuuf Hamaasiin bulchama jedhamu ibsuun isaa gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG