Ispeen keessaa qonnaan bultoonni dhibbaan laka’aman gara magaalaa Madirittii traaktora isaanii waliin imalanii jiran. Qonnaan bultoonni kun akka jedhanitti kunuunsa qilleensa naannoof jecha seerri ba’e naannoolee biroo waliin akka hin dogomne isaan daangessuu ibsan. Oomisha isaaniif gatii wayyaawaa akka argatan gaafataniiru.
Gama biraan Girikii keessattis haaluma wal fakkaatutu ture. Qonnaan bultoonni Roobii har’aa ganama paarlaamaa Ateens keessaa fulleetti wal ga’an.
Kanneen kumaan laka’aman mgaalaa galma mootummaa biyyattii keessatti hiriira ba’uu dhaan halkan guutuu achi bulan. Qonnaan bultoonni kun gatiinn oomishaa ol ka’aa adeemuu isaa himatanii jiru, mootummaan garuu fedhii isaanii guutuu dhaaf maallaqa ga’aa hin qabu jedhee jira.
Qonnaan bultoonni kun hedduun dhaadannoo dhageessisaa guca qabsiisanii harkatti qabatanii kan turan yoo ta’u, kaan immoo alaabaa gurraacha mirmirsaa saanduqa reeffaa harkisaa faaya mallattoo awwaalchaa konkolaataa isaanii irratti fannisanii argamu. Kunis daldalli isaanii du’aa jiraachuuf mallattoo agarsiisu ta’uu ibsaniiru. Poolisiin akka jedhetti yoo xiqqaate qonnaan bultoota 6000 fi traakteroonni 200 ta’an magaalaa guddoo Girikii ka weeraran yoo ta’u Yeroo dhiyoo as hiriira qonnaa ilaalchisee geggeessame isa guddicha jedhee jira.
Forum