Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetis Wixinee Dhukaasa Dhaabiinsa Gaazaaf Dhiyaate Fudhatama Dhabsiiste


Yunaayitid Isteetis Wixinee Dhukaasa Dhaabiinsa Gaazaaf Dhiyaate Fudhatama Dhabsiiste
Yunaayitid Isteetis Wixinee Dhukaasa Dhaabiinsa Gaazaaf Dhiyaate Fudhatama Dhabsiiste

Waraanni Israa’el Roobii har’aa haleellaa qilleensaa kaabaa fi kibba Gaazaa irratti raawwachuu isaa ibseera, kunis Yunaayitid Isteetis kan golli naga eegumsaa gargaarsa namoomaa hatattamaa deddeebisuuf dhukaasi akka dhaabatuuf dhiyeesse erga mormiteen boda.

Humnoonni ittisaa Israa’el loltoota finxaaleyyii naannoo Kahaan Younis kan Gaazaa gama kibbaa keessaa dabalatee ajjeesuu isaanii beeksisan.

Ministriin eegumssa fayyaa Gaazaa keessaa kan Hamaasiin hoogganamu Roobii har’aa akka ibsetti, guyyoota darban keessa namoonni 118 d’uu isaaniif kunis erga waraanni aatii Onkoloolessaa keessa eegalee qabee lakkoobsa lammiiwwan Faalisxiin du’anii 29,313 kan ga’ee yoo ta’u lakkoobsi namoota madaa’anii immoo 69,333 ga’uu ibsee jira.

Torbanneen hanga tokkoof Yunaayitid Isteetis, Masrii, Qataar fi Israa’el marii laaffataa ta’e kan iggitamtoonni martinuu akka gad diisamanii fi lolli yeroo dheeraaf akka dhaabatu ilaalchisee mari’ataa turan.

Gama biraan sabaa himaan Siiriyaa akka gabaaesetti haleellaa qilleensa irraan ganda Kafaar Suseeh kan waajjira haadhoo naga eegumsaa fi waraanaa kan ta’e keessatti raawwateen yoo xiqqaate namoonni lama ajjeesee jira.

Waraanni Israa’el kana ilaalchisuun battala ibsa kenne hin qabu.

Israa’el yeroo hedduu haleellaa raawwachuu isaa hagas hin amanu, garuu tarkaanfii inni Siiriyaa keessatti fudhatu humnoota Iraaniin deggeraman irratti jedha. Haleellaan baatii Guraandhala bara 2023 keessa ganda wal fakkaatu keessatti raawwatame hayyoota waraanaa hedduu galaafatee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG