Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Maree Naga Eegumsaa Kan Tokkummaa Mootummootaa  Koongoo Keessatti Hookkara Hammeessan Kan bttiin Jedhe Namoota Ja'a Irra Uggura Kaa’e


Manni Maree Naga Eegumsaa Kan Tokkummaa Mootummootaa  Koongoo Keessatti Hookkara Hammeessan Kan bttiin Jedhe Namoota Ja'a Irra Uggura Kaa’e
Manni Maree Naga Eegumsaa Kan Tokkummaa Mootummootaa  Koongoo Keessatti Hookkara Hammeessan Kan bttiin Jedhe Namoota Ja'a Irra Uggura Kaa’e

Golli naga eegumsaa kan Tokkummaa mootummootaa Kibxata kaleessaa Ripaablikii Dimokraatawaa Koongoo bakka duruu hookkarri waggaa kana keessatti hammaateef haala namoomaa duruu hammaataa adeeme tasgabbii dhorkan ittiin jedhe namoota ja’a irra uggura kaa’ee jira.

Kanneen uggurri kun irra kaa’ame keessaa ajajaa waraanaa humnoota dimokraatawaa walabummaa Ruwaandaa, hoogganoota gameeyyii kan gamtaa humnoota dimokraatawaa fi hidhatan kan Ugaandaa, Dubbi himaa garee ripxe loltoota M23 jedhamanii ti.

Uggurri kun kan lambsame ennaa wal ga’ii hatattamaa golli naga eegumsaa geggeesse akkasumas ennaa Ruwaandaan hookkara Koongoo keessaa hammeessiti jechuun tuqametti.

Tokkummaa mootummootaatti jilli Ameerikaa Roobert Wood akka jedhanitti Ruwaandaan garee M23 deggeruu dhaabuu qabdi.

Humnoota Ruwaandaa qabiyyee Koongoo keessaa akka baasu akkasumas caasaa misayilaa lafoo qilleensaa mara battala gamasii akka keesu gaafataniiru.

Hawaasi addunyaa illee lolli Koongoo gama bahaa keessaa akka dhaabatu tarkaanfii akka fudhatu akkasumas muddama Koongoo fi Ruwaandaa keessaa akka tasgabbeessu gaafatanii jiran. Gareen lamaan badii uumameef walii walii isaanii himtaa jiran.

Tokkummaan mootummootaa waggaa kana lammiiwwan Koongoo kanneen gargaarsi akkaan isaan barbaachisuu fi miliyoona 9tti hedaman deggeruuf gargaarsa doolaara biliyoona $2.6 gaafatee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG