Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnoota Faannoo fi Mootummaa Itiyoophiyaa Gidduutti Mariin Akka Geggeessamu Yunaayitid Isteetis Gaafachuu Ishee Beeksiste 


Humnoota Faannoo fi Mootummaa Itiyoophiyaa Gidduutti Mariin Akka Geggeessamu Yunaayitid Isteetis Gaafachuu Ishee Beeksiste 
Humnoota Faannoo fi Mootummaa Itiyoophiyaa Gidduutti Mariin Akka Geggeessamu Yunaayitid Isteetis Gaafachuu Ishee Beeksiste 

Yunaayitid Isteetis Mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti mariin geggeessamu akka itti fufu haala mijeessuuf qophee ta’uu ishee gaanfa Afriikaaf jila Yunaayitid Isteetis kan ta’an ambaasaadder Maayik Hamer dubbatanii jiran.

Torban darbe Itiyoophiyaa kan daawwatan itti aantuun ministrii dhimma alaa Yunaayitid Isteetis kan dhimmootii Afriikaa Moolii Fii fi ambaasaadder Maayik Hamer har’a gama Marsariitiin ibsa kennanii jiru.

Ibsa sana irratti turtii isaanii Itiyoophiyaatiin muummicha ministeeraa Abiy Ahimed dabalatee angawoota adda addaa fi hoogganoota waaltaalee waliin marii geggeessuu isaanii kan ibsan ambaasaadder Maayik, walitti bu’iinsi Itiyoophiyaa keessaa marii dhaan akka furamu muummicha ministeerichaa waliin mari’achuu isaanii ibsaniiru.

Muummichi ministeeraa Abiy Oromiyaa fi naannoo Amaaraa keessa walitti bu’iinsi jiru marii dhaan akka furamu fedhii isaanii ta’uu mirkaneessufii isaanii illee dubbataniiru.

Walitti bu’iinsa jiru mariin furuu malee furmaati ka biroon hin jiru kan jedhan ambaasaadder Maayik Hamer, Yunaayitid Isteetis marii marsaa lamaa Taanzaaniyaa keessatti mootummaa fi WBO gidduutti geggeessame irratti hirmaachuu ishee yaadachiisanii, biyyi isaanii mariin walii galtee irra utuu hin ga’amin hafe akka itti fufu haala mijeessuuf fedhii akka qabdu dubbataniiru.

Walitti bu’iinsi naannoo Amaaraa keessaas nagaa dhaan akka furamu, Itiyoophiyaatti ambaasaadderri Yunaayitid Isteetis kana dura muummicha ministeeraa Abiyiif gaaffii dhiyeessuu isaanii fi marii torban darbe geggeessameenis gaaffiin wal fakkaatu dhiyaachuu isaa ambaasaadder Hamer ibsaniiru. Muummichi ministeerichaa marii nagaaf mootummaan isaanii qophii ta’uu kan mirkaneessaniif ta’uu ibsanii, kan adda cite mariin mootummaa fi WBO gidduu itti fufuu akka danda’u akkasumas Faannoo fi mootummaa gidduutti mariin geggeessama yoo ta’e ifatti waan jedhan hin jiru jedhan.

Walii galteen Pritooriyaa guutummaatti hojii irra akka oolu Yunaayitid Isteetis deggersa akka gootu kan ibsan Hamer, loltoonni duraanii gara jireenya idileetti deebisuuf hojii jalqabameef Yunaayitid Isteetis deggersa doolaara miliyoona $25 kan gumaachitu ta’uu ibsaniiru.

Itti aantuun ministriin dhimmootii Afriikaa Moolii Fii gama isaaniin Itiyoophiyaa fi Somaaliyaa gidduutti muddama uumame tuqanii, marii dhaan akka furamu Moqaadishootti marii prezidaantii Somaaliyaa waliin geggeessan akkasumas muummicha ministeeraa Abiy waliin dubbachuu isaanii ibsaniiru. Itiyoophiyaan mariif qophii ta’uu irra deddeebi’uun kan ibsite yoo ta’u, Somaaliyan gama isheen walii galteen ulaa galaanaa Somaalilaandii fi Itiyoophiyaa gidduutti mallatteeffame hanga haqamutti marii hin geggeessu jechuun ishee ni yaadatama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG