Seeraa tumtoonni Mootummaa Somaaliyaa seera waliigaltee ittisaa Ykn waraanaa Mootummaa Tarikii wajiin taasisamu irratti qophaa’e raggasisanii jiru.
Akka waligaltee waggoottan Kudhaniifi tura jedhame kanaatti Tarkiin Egumsaa daangaa irraatti Somaaliyaa akka gargaartu, umni galaalanaa Somaaliyaa akka deebi’ee ijaaramu kan taasiftu ta’uu isaa Prezidaantiin Somaliyaa Hasan Sheek Mohaamed ibsa oduu gabaastotaaf kennaniin ibsanii jiru.
Waliigaltee kana ilaachisuudhaan kan dubbatan Minsteerri Ittisaa Somaaliyaa Abdiifattaah Qaasiim, " Abbaa biyyummaa fi walabummaa daangaa Somaaliyaa irratti gonkumaa mari'achuun akka hin danda'amne Soomaaliyaan ejjennoo ishee ifa gooteetti, Daangaa keenyaa kabachiisuudhaaf Tarkiin filannoo gaariidhaa” jechuu isaanii AFP gabaaseera.
Biyya miseensa NATO kan taate Tarikiin kanaan dura buufata leenjii waraanaa Somaaliyaa keessa kan qabdu yemmuu ta’u, miseensota waraana Mootummaa Somaaliyaa 5000 leenjisuun ishee ibsameera.
Dhiheenyaa kana ulaa galaanaa ilaalchisee waligaltee Mootummaan Ityoophiyaa kutaa Somaaliilaandii wajjin taasise irraatti mootummaan Somaaliyaa daldhansuu isaa ibsuun isaa ni beekama.
Forum