Humni waraanaa biyyaalessaa Afrikaa kibbaa reenfaa loltootaa biyyaatti Reppaabilikii Dimokiraatawa Koongoo keessatti ajjeefaman lamaaf sirna simannaa kabajaa taasissee jira.
Lotoonni Afrikaa Kibbaa Koongoo Bahaa bakka magaala Goomaa irraa Kiilomeetra 25 fagaatee jiruuf Saak jedhamuu keessatti halaallaa mortaaraatiin kan du’an torban darbe Guraandhala 14 bara 2023 akka ta’e beekameera. Afrikaa Kibbaa garee naannoo Afrikaa kibbaa isa SADK jedamee beekamuu jalatti nageenyaa biyyichaa kabachisuudhaaf jechaa walakeesaa ji’a Muddeetii kaasee loltoota ishee 2,900 Rippaabilikii Dimookiraatawa Koongoo keessatti bobbaaftee jirti.
Forum