Waraanni Israa’el kan hawaasi addunyaa nageenya Faalisxiinota Gaazaa gama kibbaa keessaaf yaaddessaa dha jedhe keessatti Kamisa har’aa keessatti haleellaa qilleensa irraa geggeessee jira. Tokkummaa mootummootaatti Jaarmayaan gargaarsaa dhimma baqattoota Faalisxiin Roobii kaleessaa akka jedhetti haleellaan samii irraan Raafhaa irratti geggeessamu itti fufuun namoonni miliyoonni 1.5n naannoo keessa jiraatan keessatti gargaarsa namoomaa duruu hanqate daran danqa qaaddoo jedhu uumuu isaa beeksisee jira.
Gaazaatti kan argamu kan Hamaasiin hoogganamu ministriin eegumsa fayyaa Kamisa har’aa akka jedhetti guyyoota darban keessa namoonni 100tti hedaman guutummaa Gaazaa keessaa waraana Israa’eliin ajjeefamaniiru. Kunis ennaa waraana kanaa lakkoobsa namoota ajjeefamanii 29,410n ga’ee jira.
Waraanni Israa’el har’a akka beeksisetti, humnoonni isaa magaalaa Gaazaa naannoo Ziituum jedhamu kan gama kaabaa fi Khaan Yunis kan gama kibbaa keessatti haleellaa geggeessee jira.
Gaazixaa Birazil Folhaa jedhamu irratti yaada Roobii kaleessaa maxxanfameen, hoogganaan dhimma gargaarsa namoomaa kan Tokkummaa Mootummootaa Maartin Griffith wal ga’ii miseensota biyyoota guddatan kan G-20 Rio de Janeroo keessatti torban kana geggeessame irratti, hooggansa isaanii siyaasaatti gargaaramuu dhaan waraana Gaazaa keessaa dhaabsisuu akka gargaaran waamicha dabarsaniiru.
Dararaan uummata Gaazaa irra ga’aa jiruu fi rakkoo namoomaa isaan irra ga’e ga’e kan addunyaan argaa jiru, gaazixeessota Faalisxiinotaa gootota ta’aniin kan galmeeffame yoo ta’u, hedduun isaanii kana utuu gabaasanii ajjeefaman jedhanii, kana eenyu iyyuu akka waan hin dhageenyetti darbuu hin danda’u jedhan.
Daayirikterri ol aanaan kan jaarmanyaa fayyaa addunyaa Dr. Teewdroos Adahaanoom Roobii kaleessaa akka dubbatanitti Gaazaan godinaa du’aa taateetti jedhan.
Gama biraan poolisiin namoonni hidhatan sadii keellaa sakatta’aa naannoo West Bank kan Israa’eliin to’atamee jiru cinatti dhukaasa bananii, loltuu Israa’el tokkoo fi kanneen biroo saddeet madeessanii jiran.
Poolisiin akka jedhetti kanneen haleellaa sana raawwatan trafikii ganamaa naannoo sa’a 1:30 hedduu ta’ett fayyadamuu dhaan Kamisa har’aa daandii guddoo Jerusaalem irratti meeshaa atomaatikiin dhukaasa banan. Humnoonni naga eegumsaa bakka sana turan namoota qawwee hidhachuun haleellaa sana raawwatan ajjeesuu beeksisanii inni sadaffaan immoo sakatta’insa naannoo sanatti geggeessameen qabamuu isaa ibsaniiru.
Forum