Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaa Keessatti Gaazzexeessaan Faransaay Tokkoo fi Qondaalli Siyaasaa Adda Bilisummaa Oromoo Hidhamuun Gabaasame


Gaazexeessaa Faransaay Finfinneetti to'annaa jala oolfame, Antuwaan Galiindoo
Gaazexeessaa Faransaay Finfinneetti to'annaa jala oolfame, Antuwaan Galiindoo

Gaazexeessaan Faransaay tokko Itoophiyaa keessatti Guraandhala 22 irraa eegalee "jeequmsa uumuuf" shira xaxuun shakkamee to'annoo jala ooluu fi hidhamuu isaa hojjechiisaan isaa Wiixata har’a beeksisee jira.

Antuwaan Galiindoo jalqaba baatii kanaa maxxansa addaa Africa Intelligence jedhamuuf waa’ee yaa’ii gamtaa Afrikaa gabaasuuf gara Ityoophiyaatti imalee ture.

Kamisa darbe hidhamuu isaa hordofee, sanbata darbe abbaa murtii duratti dhiyaatee, hidhamni isaa hanga bitooteessa1tti akka dheeratu ajaje jechuun, kan beeksisee Afrikaa Intalijaans, kun ''hidhamuu sababa maleeti'' jechuun balaaleffatee jira.

"Himannaan sobaa kun ragaa qabatamaa bilisummaa isaa dhabsisuuf yeroon itti dheereffame kanaaf sababa ta'uu danda'u kamirrattiyyuu kan hundaa'e miti," jechuun Galiindoon ramaddii hojii isaa aanga'oota Itoophiyaa beeksisee, viizaa gaazexeessaa ta'ee achitti akka hojjatu hayyamu akka qabu akeekeera.

Gaazexeessaan ganna 36 kun kutaa Afrikaa Bahaa keessatti maxxansa biyyattii keessatti beekamtii miidiyaa to'atu biratti beekamaa ture.

Akka maddi dhimmichatti dhihoo ta’ee fi maqaan isaa akka hin dhahamne gaafachuun dhaabbata oduu Ajaans Fraans Preesiif waliin dubbate ibsutti, Galindoon Kamisa dabree waaree booda hoteela Finfinnee keessatti qondaala paartii mormituu Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) waliin ituu jiranii to’annoo jala oole.

Ergasii waajjira poolisii magaalaa guddoo Itiyoophiyaa keessatti hidhamee akka ture kan ibsee waajirri maxxansichi, hatattamaan akka gadhiifamu gaafateera.

Dubbi himaan ABO AFP'tti akka himanitti, Kamisa dabree Finfinnee keessatti qondaalli dhaabichaa tokko to'annoo jala ooluus kun Gazexeessaan qondaala kanaan wal argan isa jedhu mirkaneessuu hin dandeenye.

Aanga'oonni Itiyoophiyaa gaaffii AFP yaada akka kennaniif dhiheesseef deebii hin laannee.

Gama kaaniin dubbi himaan ABO Obbo Lammii Gammachuu sagalee Amerikaaf akka ibsanti, Obbo Battee Urgeessaa Finfinnee keessatti hidhamuu isaanii fi kunis walgahii kaawunsilii waloo dhaabilee siyaasaa kan Itiyoophiyaa irraa deebi’aa ituu jiranii ta’u ibsan.

Biyyi Afrikaa baay'ina ummataan sadarkaa lammaffaa irra jirtu Itiyoophiyaan waldhabdee bulchiinsa naannoo Amaaraa fi Oromiyaa keessatti uumameen caccabdee jirti jedhameera.

Lolli naannoo Amaaraa keessatti gaggeeffamu, tasgabbii Itoophiyaa keessaa ilaalchisee deebisee yaaddoo kan kaasisee yoo ta’u, kunis walii galteen nagaa Tigraay keessatti aangawoota finciltoota Tigraay fi humnoota MM Abiy Ahimad amanamoo ta’an gidduutti waldhabdee gara jabeessa waggoota lamaaf ture xumuramee ji’oota muraasa booda.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG