Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Amaaraa Keessatti Walitti-Bu'insi Humnoota Mootummaa fi Hidhattoota Faannoo Gidduu Itti Fufuusaa Jiraattonni Dubbatan


Magaala Maraawwii, Naannoo Amaaraa (suuraa faayilii)
Magaala Maraawwii, Naannoo Amaaraa (suuraa faayilii)

Waldhabdeen Itiyoophiyaa keessatti taasifamaa jiru karaa nagaatiin akka furmaata argatuu waamichii yemuu dhihaachaa jiru kanatti naannoo Amaaraa bakkaawwan adda addaa keessatti walitti bu’insii taasifamaa jiraachuun isaa beekameera.

Jiraattonni Naannichaa akka sagalee Amerikaatti himanitti, keessumaa godinaa kibbaa Meecaa fi godinaa bulchiinsaa Saba Awii keessatti tibbana kana loltoota mootummaa federaalaa fi hidhattoota naannoo Amaaraa keessa socho’aa jiranuufi Faannoo jedhamanii beekamanu giduutti lolli taasifamaa ture.

Sababa lola kanaatiin kan ka’e Sambataa dheengadaatii kaasee karaa magaalaa Baahirdaar irraa gara magaalaa Daangilaatti geesuu kiiloomeetirii 78 ta’uu irratti akka tajaajilli geejibaa hin jerree jiraattonni sagalee Amerikaatti himanii jiru.

Ministeerri itisaa mootummaa Ityoophiyaa fuulaa Fees buukii isaa irratti kaleessa ibsa kenneen, naanoo magaala Mar’aawii keessatti lolli taasifamuu isaa ibsee, magaala Mar’aawii irraa kaasee amma bakka Migecec jedhamuutti karaa garee faannootiin cufamee ture Kiilomeetrii 23 ta’u bansisuu isaa ibsee jira.

Bulchiinsaa godina Awii keessa kan jiraattan namoonni dhimmaa nageenyaa isaanitiif jechaa maqaan isaanii akka hin dhahamnee barbaadan akka sagalee Amerikaatti himanitti, magaala Adisqidaam jedhamu keessatti guyyaa kaleessaa umnoottan mootummaa fi garee hidhatootaa Fannoo giduutti dhukaasinni yeroo dheeraa fudhate taasifamaa ture. Sababa kanaaniis kan ka’e jiraattonni manna isaanii gadi lakkisanii baqatanii jiru.

Godinumaa Awii keessatti jiraattuun magaalaa Koosoober kan sagalee Amerikaatti dubbatte, dhukaasaa guyyaa kaleessaa taasifamaa tureen kan ka’ee guyyaa har’aa magaalicha keessatti sochiin akka hin jirre ibsiteetti.

Lola kana ilaachisuudhaan bulchiinsi naannoo Amaaraa ibsaa guyyaa har’aa kenneen , naannicha keessatti nagaa fi nageenyaa ummataa mirkaneesuudhaaf jechaa tarkaanfiin seera kabachiisuu fudhatamaa jiru cimee itti fufaa jechuun isaa beekameera.

Gareen hidhattootaa meeshaa isaanii laffa kaa’anii gara marii nagaatti deebi’uudhaaf yoo fedhii qabaatan naannicha keessatti akka nagana bu’uu danda’u muummichii ministeeraa Abiy Ahimed torban darbee marii bakka bu’oota naannoo Amaaraa wajjin taasisan irratti ibsuu isaan kan eere gabaasinii Asteer Misgaanaawu , haanga’onni bulchiinsaa naannoo Amaaraa baha naanniichaa , akkasumas godinaalee Gondor lixaa fi kaabaa bakkaawwan tokko tokkooti akkaataa nageenyaa buusuu irratti ummataa wajjin maryachaa jiraachuu isaanii ibseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG