Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaa Keessatti Namoota Gargaarsi Namoomaa Isaan Barbaachisuuf kan Oolu Mootummaan Biyyattii Gargaarsa Doolaara Biliyoona 3 Gaafate 


FAAYILII - Namoota qehee isaanii irraa buqahan qarqaarsa eeggachaa jiran, Buufata Higlo, Godee, Naannoo Somaalee, Ebla 26, 2022.
FAAYILII - Namoota qehee isaanii irraa buqahan qarqaarsa eeggachaa jiran, Buufata Higlo, Godee, Naannoo Somaalee, Ebla 26, 2022.

Komishiiniin bulchiinsa soda balaa Itiyoophiyaa fi dhaabbata mootumoota gamtoomaniitti biiroon qindeesaa gargaarsa namoomaa guyyaa kaleessa Guraandhala 26 bara 2024 ibsa waloodhaan kennaniin, baraa haaraa 2024 keessasa lakkoofsii namoottan Ityoophiyaa keessatti gargaarsi namoomaa isaan barbaachisuu miiliyoonii 10. 4 kan gahuudha.

Dubbii himaan komishiinii bulchiinsaa soda balaa Ityoophiyaa obbo Attaalel Abuwahoy akka jedhanitii, yeroo amma biyyatti keessaa lakkofsii namoottan gargaarsaa argachaa jiranii miiliyonii 6.6 kan gahu yemmuu ta’u, sababa lolaa bishaaniitiin kan ka’e fuula duratti lakkoofsii kun gara miiliyoonii 10.4 ol ka’uuf jira.

Ibsii dhaabbileen lamman waloodhaan kenna kun akka eeretti, Kanaan duraa waggoottan shaniif walitti ansuudhaan hanqinaa roobaatiin rakkachaa kan turan bakkaawwaan kibbaa fi kibbaa baha biyyatti keessa jiran dhiheenyaa kana roobaa argachuu waan jalqabaniif dhiibaa hongee irraa haara galfatanus ammayyuu gargaarsii isaan barbaachisa.

Naannoo kaaba Ityoophiyaa keessatti walwaaraansii waggoottan lamaaf taasifamee dhaabbatus, walwaransichaa hordofuudhaan balaa hongee umameen kan ka’e, lakkoofsii namoottan gargaarsi namoomaa isaan barbaachisu daran dabalee jira.

Rakkoon hanqina nyaataa yeroo amma jiru akka balalachaa deemee midhaan hin qaqqabsiifne gargaarsi namoomaa dabalataa akka barbaachisuu kan eere ibsii dhaabbilee lammanii kun, namoottan gargaarsii isaan barbaachisu miiliyoonii 10.4 rakkina irraa baraaruudhaaf Doolaarrii miiliyoonii 3.4 akka barbaachisu beeksisuu isaa Gebremikaa’el Gebremediihin gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG