Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gumii Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa: Kutaalee Itiyoophiyaa Keessatti Ajjeechaa fi Butinsi Raawwatamu Furmaata Hatattamaa Argachuu Qaba


FAAYILII - Magaala Finfinnee, Sadaasa 4, 2020.
FAAYILII - Magaala Finfinnee, Sadaasa 4, 2020.

Gumiin mirga namaa Itiyoophiyaa Kibxata kaleessaa ibsa baaseen naannolee biyyattii adda addaa keessatti uggurri raawwatamu baay’ataa adeemuudhaan yaaddoon lammiiwwan irra ga’u dabalaa adeemuu beeksiseera. Torban kanaa Waldaa Orotodoksi Tewaahidoo damee lallabaa baha Shawaa Cuqqaalaatti kan argamu gadaamii Debre Kiwakibt Abune Gebre Menfes Qiddus jedhmu keessatti kan argaman monkosoonni abbootii 4 akkasumas godina kaaba Shawaa naannoo magaalaa Axaayeetti siivilonni 6 hidhattootaan ajjeefamuu isaanii ragaan gamasii argate mirkaneessuu isaa ISEMEGUn ibseera.

Ajjeechaawwanii fi uggurri wal fakkaatu irra deddeebi’ee mudachuun mootummaan itti gaafatama isaa sirriitti ba’uu dhabuu isaa kan mul’isu jedha gumiin mirga namaa kun.

Gochi akksii sochii lammiiwwanii uggureera kan jehan itti aanaa daayirikterri gumii mirga namaa kan Itiyoophiyaa obbo Tesfaayee Gammachuu, mootummaan itti gaafatama isaa ba’uu qaba jedhan.

Cuqqaalaa keessatti monoksoonni abbootii 4 ajjeesamuu kan mirkaneesse mootummaan naannoo Oromiyaa Monoksoota kana iggitanii fudhachuu dhaan ajjeechaa raawwatan kan ittiin jedhe hidhattoota bilisummaa oromoo irratti tarkaanfii fudhataan jira jechuun isaa ni yaadatama. Gareen hidhate kun gama isaan ajjeechaa kana kan raawwate ana miti jechuudhaan karaa dubbi himaa isaa idil addunyaa Odaa Tarbii himannaa sana haalee jira.

Naannoo Amaaraa godina shawaa Kaabaa keessatti ajjeechaa raawwatametti aansee Guraandhala 11 darbee qabee godinichaa fi godinaa hawaasa Oromoo wal daangessan irratti walitti bu’iinsi ka’uu isaa jiraattota naannoo wabeeffachuun gabaasuun keenya ni yaadatama.

Gama biraan Dasee dhaa qabee hanga Debrebirhaanitti sochiin geejjibaa akka adda citetti itti fufuun illee ibsameera.Kan maqaan isaanii akka hin tuqamne gaafatan jiraataan Shawaa Roobit sochiin geejjibaa magaalattii adda cituu dubbataniiru. Guyyaa kaleessaa itti gaafatamaa nageenya magaalattii irratti ajjeechaan riphanii loluu raawwatamuu isaan kan ka’e sochiin magaalattii qabbanaa’uu ibsaniiru.

Dhimma kana irratti gama mootummaan ibsi kenname hin jiru. VOAn gama mootummaan deebii argachuuf ministeera tajaajila kominikeeshinii mootummaa Dr. Leggesee Tulluuf bilbilus bilbili isaanii waan hin ka’iniif deebii argachuu hin danda’amne jechuu dhaan Kenedii Abatee gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG