Magaalaa galma mootummaa Chaad Njaamenaatti kan argamu waajjira tika nagaa biyyaa irratti haleellaa raawwatameen namoonni hedduun du’uu isaanii mootummaan Roobii har’aa beeksisee jira jechuu dhaan AFPn gabaaseera.
Haleellaa halkan edaa raawwatameef Yaayyaa Diiloon kan hoogganamu aktivistoota paartii Sooshaalistii beekamaa PSFn kan himate mootummaan, haalli isaa yeroo ammaa guutummaan to’annaa jala ooluu isaa fi kanneen gocha kana raawwatan to’annaa jala ooluu isaanii ykn barbaadamaa jiraachuu beeksiseera.
Haleellaan kun kan raawwatame erga miseensi paartichaa prezidaantii mana murtii ol aanaa irratti yaalii ajjeechaa geggeesse jedhamuun himatamee to’annaa jala oolee booda ta’uu mootummaan ibsee jira. Diiloon mormituu cimaa kan ilma eessuma isaa kan prezidaantii yeroo ce’umsaa Chaad Mahamat Idriss Deby Intnoo ti.
Aggaammiin ajjeechaa prezidaantii mana murtii ol aanaa irratti raawwate kan qindaa’ee dha jechuun illee mormii dhiyeessee jira. Haleellaan waajjira tika nagaa biyyaa irratti geggeessame, Chaad Caamsaa 6 filannoo prezidaantummaa kan Mhamat Deby Itnoo fi Diloon irratti wal dorgoman jedhamu akka geggeessamu labsitee guyyaa tokko booda.
Mahamat Deby Itnoo aangoo kan qabatan erga abbaan isaanii Idriss Deby Itno kurna sadiifi biyyattii geggeessaa erga turanii booda bara 2021 keessa lola ripxe loltoota waliin geggeessamu keessati ajjeefamanii boda.
Forum