Itiyoophiyaa keessa bakka addaa addaatti balaa kokoolaataa dhaqqabeen namoonni 24 du’uun beekamee jira.Balaawwan kun kan dhaqqaban Itiyoophiyaa Kibbaa godiina Walaayittaa, naannoo Itiyoophiyaa giddu galeessaa , godiina Guraagee bahaa fi Oromiyaa, magaalaa Bishooftuu keessatti.
Namoonni haala salphaa fi hamaan mada’an wal’ansi fayyaa kennamaafii akka jiru ibsamee jira. Godiina Walaayittaatti balaa dhaqqabeen, namoonni 11 sirni awwaalcha isaanii magaala Haawaasaa keessatti gaggeeffamuu maatii fi itti gaafatamaan polisii Tiraafikaa kan magaaltti sagalee Amerikaaf ibsanii jiru.
Forum