Xurree ittiin seenan

Breaking News

Isiraa’el Samiirraan Libaanon Kaabaa Keessatti Haleellaa Deemsisuu Beeksiste  


Jiraataa miidhaa haleellan Israa'el goote geechise laalaa jiru, Kherbet Selm, Guraandhala 28, 2024.
Jiraataa miidhaa haleellan Israa'el goote geechise laalaa jiru, Kherbet Selm, Guraandhala 28, 2024.

Israa’eel Roobii har’aa, Libaanon gama kibbaa keesstti kan argamu meeshaa waraanaa Hezbollaa irratti ka qiyyaafate qilleensa irraan haleellaa geggeessitee jirti. Rookkeettiiwwan hedduu Libaanon irra gara Israa’elitti dhukaafaman illee maqsuu ishee beeksisteetti.

Waraanni Israa’el Gaazaa gama kibbaa naannoo Kahaan Yunisitti haleellaa qilleensa irra haaraa akkasumas naannoo sanaa fi kaaba Gaazaa keessatti duula lafoo geggeessuu isaa illee beeksiseera.

Gaazaatti kan argamu ministriin eegumsa fayyaa Hamaasiin hoogganamu duula Israa’eliin yoo xiqqaate namoonni itti dabalaa 76 du’uu isaanii Roobii har’aa gabaasee jira. Waraanni sun baatii Onkoloolessaa keessa erga jalqabee qabee yoo xiqqaate namoonni 29,954 yoo ajjeefaman kanneen biroon 70,325 madaa’aniiru.

Israa’el,Hamasii fi Qataar irra kanneen jaarsummaaf dhimma lola kanaa ilaalchisee taa’aan kan prezidaant Joo Baayiden dhukaasa dhaabinsaa haaraa fi iggitamtoota gad dhiisisuu irratti kan fuuleffate walii galtee haaraan dhiyeenya irra ga’ama kan jedhan fudhatama dhabisiisan.

Hamaas torban darbe Paaris keessatti araar teessota waliin marii Paaris keessatti geggeesseen, yaada Israa’el irratti walii galte kan baatii soommana ramadaanaa ka musliimaa guyyoota 40f kan turu walii galtee dhukaasa dhaabiinsaaf dhiyaate itti yaadaa kan jiru yoo ta’u, kunis erga waraanichi jalqabee walii galtee yeroon isaa dheeraa ta’e dha.

Gareen lamaan dhimmootii kana irratti bal’inaan hojjechuuf torban kana Qaataaritti jiloota ergan qabu. Garuu dubbi himaan ministrii dhimmootii alaa Qaataar Majeed al-Asaarii akka jedhanitti, dhimmootii walii galtee irra akka hin ga’amne gufu ta’an irratti walii galtee dhumaa irra geenye hin qabnu, garuu walii galteen bifa tokkoo irra ga’ama abdii jedhu qabna jedhan.

Angawaan Hamaas tokko Rooyitersiif akka himanitti, amma iyyuu adda addummaa guddaa kan walitti dhufuu qabutu jira. Dhimmi inni duraa fi inni ijoon walii galtee kana boodatti harkisu, dhukaaasa dhaabuu fi waraanni Israa’el gamasii ba’uu mul’inatti waan ibsame hin jiru jedhan.

Israa’el abdii Baayiden qaban ilaalchisee kallattiin yaada kennite hin qabdu, garuu dubbi himtuun mootummaa Taal Henrich akka jedhanitti, Hamaas fedhii isaa qabatamaa hin taane dhiisuu qaba. Nuti fedha kenya. Garuu gaaffiin jiru Hamaas walii galuuf fedha qabaa? Ka jedhu jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG