Sagalee Ameerikaaf eeggataa daayiriktera kan ta’an Joon Lipman Ibsa kennan irratti mootummaan Iraan gaazixeessota Sagalee Ameerikaa kan kutaa Persyaa bakka isaan hin jiraannetti olola farra mootummaa facaastan jechuun himachuu isaa balaaleffatanii jiran.
Murtiin kun kan dhaga’ame torban darbe gareen marsariitii cabsee seenu kan Edaalat Alii jedhamu galmee mana murtii Iraan kan Manni murtii warraaqsaa Teeraan dhaddacha dhoksaa kan bara 2022n gaazixeessota Sagalee Ameerikaa kutaa Afaan persiyaa fi kan warreen gama dhiyaa irratti murtii balleessa dabarsu maxxansetti ture.
Ibsa Kibxata kaleessaa kennaniin eeggataa daayirikterri VOA Joon Lipmaan akka jedhanitti gochi mootummaa Iraan kun mirga namaa fi ol aantummaa seeraaf kabajaa kan hin qabaannee dha.
Ragaa walabaa gara Iraanitti tamsaasamu dhaabsisuuf yaalii geggeessamee dha jedhan. Itti dabaluu dhaanis Sgaleen Ameerikaa kutaan Afaan Persiyaa mirga dubartootaa, walabaan yaada ofii ibsuu fi hawaasi walaba ta’e Iraan keessa jiraachuu isaa keessatti qood inni qabaatee fi dhiibbaa taasisetti milkaa’uu isaaniif ragaa dha jedhan. Sagaleen Ameerikaa gaazixeessotaa fi gabaasa isaanii cina ni dhaabbata jedhaniiru.
Kan Niw Yoorkitti argamu gurmuun Iraan kan Tokkummaa Mootummootaa yaada Lip Maan irratti battala deebii akka kennuuf erga email kaleessa ergameef battala deebii hin kennine.
Forum