Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Amhaaraa Bakkawwan Adda Addaatti Lolli Itti Fufe Tajaajilawwan Bu’uraa Addaan Kutuun Himame


FAAYILII- Magaala Maraawii, Naannoo Amaaraa
FAAYILII- Magaala Maraawii, Naannoo Amaaraa

Naannoo Amhaaraatti walitti bu’insa Mootummaa fi humnoota hidhannoon Socho’an Faannoo gidduutti akka haaraatti gidduu kana taasifamaa jiruun bakkoota hedduutti tajaajiloonni Uummataa dhaabbataniiru jechuun namoonni sagaleen Ameerikaa dubbiseeru himaniiru.

Godina Goojjaam lixaa Aanaa Dagaa Daamoot magaalaa Feres beet fi naannoosheeti, Goojjaam Kaabaa Aanaa Yilmaanaa Deensaatti magaalaa Adeetiif naannoo isheetti sababa wal waraansi akka haaraatti ka’ee jiruun Gaafa guyyaa dilbata darberraa kaasee tajaajiloota geejibaa dabalatee tajaajilooni uummataa dhaabbachuu jiraattoonni sagalee Ameerikaatti himaniiru.

Namni maqaan isaanii akka himamu hin feene tokko sagalee Ameerikaatti akka himanitti wal waraansichi har’aaf kaleessa xiqqoo akka qabbana’uu ta’us sochiin kamiyyuu naannoo magaalaatti hin mul’atu jedhanii, jiraattoonni baay’een nageenya isaaniif sodaachuun gara gandoota baadiyaatti godaaniinirus jedhaniiru.

Raayyaan Ittisaa Itiyoophiyaa fuula miidiyaa hawwaasaa Facebook irratti akka beeksiisetti torbaan kana keessa Ferees beet, Dembecaa fi Bakkoota biro godinaalee Goojjaam Lixaa keessatti lolli taasifamaa jiraachuu mirkaneesseera.

Tibba kana Mootummaan naannoo Amhaaraa Ibsa baaseenimmoo hojiin seera kabachiisuu cimee itti fufa jedheera. Gama biraatiinimmoo Pireezidaantiin Naannichaa Areggaa Kebbedee wal ga’ii abbootii qabeenyaa waliin taasisaniin Mootummaan wal dhabdee jiru karaa nagaa hiikuuf qophii ta’uu isaa himaniiru jechuun Bahaardaar irra Asteer Misgaanawuutu gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG