Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Murtii Yakkaa Idil Addunyaa Yuugaandaa Keessatti Namoota Riphee Loltootaan Miidhamaniif Hirphi Akka Kaffalamuuf Murteesse


(suuraa faayilii)
(suuraa faayilii)

Miidhamtootni gara kuma 50 ta’an ajaja kanaa jalatti kan hammataman yommuuu ta’u daa’imman loltummaa keessatti hirmaatan fi daa’imman humnaan gudeeddiin dhalatanisidha. Doominik Ongiween waggoota sadii dura ajjeechaa , gudeeddii, humnaan fuudha raawwachuu fi daa’imman loltummaa keessatti bobbasuudhaan yakkoota bara 2002 hanga 2005 tti raawwate 61’n yakkamaa ta’eera.

Bara 2022tti murtiin adabbii waggaa 25 kan itti murtaa’e yommuu ta’u ol iyyaannoo mana murtii yakkaa idil Addunyaattii geeffameen ajajni beenyaa kaffaluu akka taasifamuuf waltajjii mijeesseef. Qabsaa’onni riphee loltootaa kanneen Ongiweetiin hoogganaman Kaaba Yuugandaa keessatti buufata buqqatootaa Afur irratti tarkaanfii hamaa fudhataniin namoonni Kuma kurnootaan lakkaa’aman miidhaamaniiru jedhan Abbaan murtii Bertraam Iskiimit.

Ongiween dhaddacha amma beenyaan akka kaffalamu itti murtaa’erratti hin argamne. Beenyaa kana kaffaluuf itti gaafatamummaa kan qabu isa ta’ee garuu hiyyeessa waan ta’eef beenyaan kun kan kaffalamu fandii imaanaa miidhamtootaaf biyyoota miseensa mana murtichaa ta’aniin akka kaffalamu ibseera.

Abbaan murtii ISkiim biyyoonni, Dhaabbilen, Korporeeshinoonnii fi namoonni dhuunfaa ergamaa fi tattaaffii miidhamtootaaf fandii imaanaa kana deeggaruun hojii maallaqa walitti qabuu kanaaf gumaacha akka taasisaniif gaafataniiru. Miidhaamtoonni tokkoon tokkoon isaanii akka ''badhaasa fakkeenyaatti'' Yuuroo

750 (Doolaara 812) kan argatan yoo ta'u, beenyaan biroo bifa sagantaa deebisanii dhaabuu hawaasa irratti hundaa'een akka dhufu dubbataniiru.Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadimiir Puutiin Mooskoon kaayoo ishee Yuukireen irratti qabdu galmaan ni geessi jechuun dhaadatan

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG