Puutiin Dhaadannoo har’a dhageessisaniin Mooskoon kaayyoo ishee Yuukireen irratti galmaan ga’uu hin dhiistu jedhanii hooggantoonni biyyoota lixaa garuu waraana kana keessatti gadi fageenyaan hirmaachuun gara waraana Niwuukilaaraa Addunyaatti geessuu mala jedhan. Hasaawaan har’a Puutiin taasisan filannoo pireezidantummaa biyyattiittii ji’a dhufu taasifamuuf jiru dursuun haala biyyattiin keessa jirtu ilaalchisuun taasisan yommuu ta’u bu’aa Raashiyaan Yuukireen keessatti argattu eegsiisuuf qophii ta’uu isaaniis kan mul’isedhas jedhameera.
Ibsa Pirezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon jalqaba torban kanaarraatti kennaniin gara fuulduraatti loltoonni lafoo biyyoota dhihaa gara Yukireenitti ergamuuf akka jiran ibsanii ture, Puutiin biyyoota akkas gochuuf murteessan irratti bu’aa “gaddisiisaa” akka fidu akeekkachiisaniiru dubbii isaanii har’aa keessatti.
seera tumtootaa fi qondaaltota olaanoo duratti kan dubbatan Puutiin, biyyoota dhihaa “meeshaa waraanaa naannoo isaanii irratti xiyyeeffannaan rukutuu danda’us qabna, akkasumas waan amma yaada dhiyeessan fi addunyaa sodaachisaa jiran, waan dhugaa kaasu hunda” jechuun yaada keessa galchuu qabu jedhan balaa waldhabdee niwukilaraa qaroomina keenya balleessuu argisiisa.” Jedhaniiru
Filannoo Pireezidaantummaa Bitootessa 15-17 taasifamuuf jiru dura Haasawa isaanii dhimmoota dinagdee fi hawaasummaa irratti xiyyeeffate keessatti, Puutiin Raashiyaan Yukireen keessatti “abbaa biyyummaa fi nageenya ishee ittisuu fi lammii keenya eegaa jirti” jechuun humnoonni Raashiyaa waraanicha keessatti olaantummaa qabaachaa jiru jechuun dubbataniiru.
Forum