Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoolee Filannoon Marsaa 6ffaa Itti Hin Geggeessame Keessatti Filannoo Geggeessuuf Qophaa'uu Bordiin Filannoo Beeksisee 


FAAYILII - Namootaasagalee kenname lakkoofsaf qopheessan, Finfinnee, Waxabajji 21, 2021.
FAAYILII - Namootaasagalee kenname lakkoofsaf qopheessan, Finfinnee, Waxabajji 21, 2021.

Bulchiinsa Naannoolee filannoon marsaa 6ffaa ituu hin gaggeeffamin hafee keessaa Afuuritti Waxabajjii 6 filannoo gaggeessuuf qophii ta’u isaa bordiin filannoo beeksisee jira.Filannoon marsaa 6ffaan sun waggaa sadii dura kan gaggeeffame ta’uun ni yaadatama.

Filannoon kun Bulchiinsa naannoo Beeneeshaangul Gumuuz, Afaar, Somaalee fi Itiyoophiyaa waaltaa keessatti kan gaggeeffamu yoo ta’u mana maree bakka bu’oota uummataa 9 fi iddoo banaa mana maree naannooleen qaban 26f ta’un ibsamee jira.

Bordiin filannoo Biyooleessaa filannoo gaggeessuuf sagantaa karoorfatee kana irratti paartilee siyaasaa fi waldaalee Siviikii waliin har’a marii gaggeessee jira.

Deemsa filannoo kana danquu kan danda’anii fi nageenyaa waliin dhimmoota hidhata qaban ilaalchosee, hirmaattoota marii irraa bordii filannoof gaaffiin dhiyaatee jira.

Walitti qabduun bordii filannoo guutuu biyyaa aaddee Meelaat warq Haayiluu akka jedhanti, bulchiinsa naannoolee arfan filannoon keessatti gaggeeffamu kun, haallii nageenyaa qaban deemsa filannoo itti fuufsisuuf amansisoodha jedhamee amanama jechuu isaanii Keeneedii Abaata Finfinnee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG