Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gabaasa Haaraa: Hidhattoonni Sudaan RSF Jedhaman Daarfur Kibbaa Keessatti Ajjeechaa Gosa Irratti Hundaa'e fi Gudeeddii Raaw'atan


FAAYILII - Namoota jeequmsaa fi haleellaa dheeffanii buufata yeroo keessa dahoo godhatanii jiran, Daarfur, Sudaan, Adoolessa 30, 2020.
FAAYILII - Namoota jeequmsaa fi haleellaa dheeffanii buufata yeroo keessa dahoo godhatanii jiran, Daarfur, Sudaan, Adoolessa 30, 2020.

Humnoonni hidhatanii fi milishoonni michuu isaanii ta’an kanneen Sudaan keessatti aangoo qabachuuf qabsaa’an, Daarfuur gama kibbaa harka caalaa isaa yeroo to’achuuf yaalanti, ajjeechaa gosa irratti hundaa’ee fi humnaan gudeeddii saba bal’aa irratti raawwatan jechuun ogeeyyiin Tokkummaa Mootummootaa gabaasa haaraa baasaniin hubachiisan.

Gochi isaanii kunis sadarkaa yakka waraanaa fi yakka dhala namaa irratti raawwatamuu ga’u akka danda’u himaniiru.

Gabaasni gola naga eegumsaa kan Tokkummaa Mootummootaaf dhiyaatee Kamisa kaleessaa, dhaabbati oduu Asoosheetif Prees argate kun, gara jabummaa Humni Deeggarsa Saffisaa ykn RSF kan irra hedduun isaanii Araboota ol’aantummaa qabaniin Afrikaanota Daarfuur irratti raawwatan waan suukaneessaa ta’e agarsiisa.

Kana malees, karaa toora maallaqaa walxaxaa ta’een, dhaabbilee kurna hedduu hirmaachisuun dabalatee, akkaataa RSFn kutaalee biyyaa Daarfuur shanan keessaa afur to’achuuf itti milkaa’e bal’inaan ibsa.

Ogeeyyiin kunneen gabaasa isaanii fuula 47 qabu kana keessatti akka jedhanitti, RSF fi milishoonni isaa iddoowwan Daarfuur keessatti buqqaatonni gaaddisa argatan, naannoo siiviilii ykn nagaa olla asana jiranii fi dhaabbilee tajaajiila fayyaa irratti xiyyeeffataniiru.

Waggoota kurnan lama dura, Daarfuur duguuggaa sanyii fi yakka waraanaa walfakkaata ta’e, keessumaa milishoota Arabaa Janjaweed kanneen gara jabiina qabaniin, ummata Giddugaleessa ykn Afrikaa Bahaa ta’uu isaanii of beeksisan irratti rawwatanii turan.

Kunis waan deebi’e dhufe fakkaata, jedhan abbaan alangaa Mana Murtii Yakka qoratuu kan addunyaa Kaarim Kaan dhuma baatii Amajjii dabree keessa. Gamii lachuu yakka waraanaa, yakka dhala namaa irratti raawwatamuu danda’u ykn duguuggaa sanyii Daarfuur keessatti raawwachaa jiru jedhanii amanuuf sababoonni jira jedhanii turan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG