Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gaazaa Keessatti Faalisxiinonni 100 caalaan Lafa Nyaatii Raabsamuutti Ajjeefamuun Ibsamee Jira


FAAYILII - Faalisxiinota nyaata qilleensarraa rabsamu fudhachuuf kaatan
FAAYILII - Faalisxiinota nyaata qilleensarraa rabsamu fudhachuuf kaatan

Duuti Kamiisa kaleessaa lammiileen Falasxiin yoo xiqqaate 112 ta’an kanneen magaalaa Gaazaa keessatti gargaarsa namoomaa barbaadan irratti dhaqqabee Jimaata har’a balaaleffannaa idil-addunyaa bal’aa kaasiseee jira.

Kunis namoonni ijaan arganii fi qondaaltonni fayyaa Gaazaa akka jedhanti, haleellaa Israa’el ta’uu dubbatan hordofee kan dhufe dha. Israa'el sana falmuun, namoonni hedduun konkolaattota gargaarsaa kanneen baqataa turan waliin fiigaa yeroo turanti kufanii wal irra ejjeechuun isaanii kun dhaqqabe jetti.

Qondaaltonni hospitaala Gaazaa jalqaba irratti Israa’el naannoo marfata Tiraafiikaa al-Nabusi kan kutaa magaalaa Gaazaa dhiyaa keessatti namoota walitti qabaman irratti haleeluu ishee gabaasan. Boodarra namoonni ijaan argan akka jedhanitti loltoonni Israa’el yeroo namoonni daakuu fi waan saamsaman konkolaataa gargaarsaa irraa harkisan, dhukaasa bananiiru.

Torbanneen dhiyeenya kana darban keessa gargaarsi xiqqaan Gaazaa Kaabaa kan dhaqqabe yoo ta’u, beelli babal’ateera. Beellii kan hin ollee ta’u Tokkummaan Mootummoota akeekkachiiseera.

Jalqaba irratti qondaaltonni Israa'el loltoonni dhukaasa banuun isaanii kan beekan ta'u, namoonni gara konkolaattota gargaarsaa kanaatti fiigaa jiran ''balaa fida'' jedhanii waan yaadaniif dhukaasa bananiiru jedhan.

Garuu ibsa viidiyoo Kamisa kaleessaa waltajjii miidiyaa hawaasaa X, ka duraan tiwiitara jedhamuun beekamu irratti maxxanfameen, dubbi himaan Raayyaa Ittisa Israa’el, loltoonni ummata bittimsuuf “dhukaasa akeekkachiisaa muraasa” qofa dhukaasan jedhan.

“Haleellaan gara konkolaataa gargaarsaa kanaatti hin gaggeeffamne,” kan jedhan dubbi himaan waraana Israa’el Rear Admiral Daniel Hagari, taankiin Israa’el konkolaattota gargaarsa fe’an 38 akka darbuu mirkaneesuuf achii turan jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG