Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaa Shawaa Roobiitti Keessatti Lola Humnoota Mootummaa fi Hidhattoota Faannoo Gidduutti Taasisameen Sochiin Danqame, Jedhan Jiraattonni


FAAYILII - Miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa konkolaatadhaan magaala Shawaa Roobit keessatti, Muddee. 5, 2021.
FAAYILII - Miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa konkolaatadhaan magaala Shawaa Roobit keessatti, Muddee. 5, 2021.

Naannoo Amaaraa godina Kaaba Shawaa magaalaa Roobit keessatti hidhattoota Faannoo gidduutti Dilbata kaleessaa jechuun Guraandhala 24 bara 2016 lolli banamuu isaa ibsameen, guyyoota shan dura muddama magaalattii keessatti uumametti aansee ta’uu jiraattonni VOAn dubbise ibsanii jiran. Yaaddoo nageenyaaf jecha kan maqaan akka hin tuqamne gaafate namni hojii dhuunfaa irratti bobba’e jiraataan magaalaa Shawaa Roobit tokko haala muddama sanaa fi walitti bu’iinsa sanaa ibsaniiru.

Shawaa Roobiitiin dabalatee gandeen baadiyyaa aanaa Qewet irrattis hidhattooa Faannoo fi loltoota mootummaa gidduutti dhukaasi takka hammaatee takka qabbanaa’u akka ture jiraataan magaalattii kun dubbataniiru.

Lolli kun Dilbata kaleessaa gara magaalaa Shawaa Roobititti babal’ate kun guyyaa sa’a 8:00 hamma galgala sa’a 4:00 ta’utti kan ture ta’uu kanneen yaada isaanii kennan kun dubbataniiru. Lolli meeshaa gurguddaa dhaan geggeessame sun halkan qabbanaa’ee kan ture ta’us, Wixata har’aa yeroo hamma tokkoof irra deebi’ee kan raawwate ta’uu illee dubbataniiru.

Lola kanaan lubbuun namoota namaa darbuu fi qabeenyaan manca’uu isaa dubbataniiru.

Aanaa Qewet gandeen baadiyyaa, Byelen Waacoo fi Tarree keessatti meeshaa guddaa dhuka’een namoonni du’an jiraachuu fi yeroof namoonni lakkoobsi isaanii hin beekamin rasaasaan madaa’uu illee jiraattonni ddubbataniiru.

Namoota du’anis ta’e kanneen madaa’an ilalachisee Hospitaala sadarkaa duraa Shawaa Robiti irraa ragaa argachuuf yaaliin ta’e hin milkoofne. Kantiibaan magaalattiis bilbilli isaanii hin ka’u, ergaa barreeffamaa ergameefis deebii hin kennine.

Mnisteerri tajaajila kominikeeshinii mootummaa Dr. Leggesee Tulluu dhiyeenya VOAf ibsa kennaniin raayyaan ittisa biyyaa seera siivilotaaf eegumsa gochuu qaba. Raayyaan waraanaa fi walumaa gala humnoonni naga eegumsa mootummaa waraana hanga ammaa geggeessameen namoota nagaa fi waaltaalee siivilii irratti haleellaa hin raawwanne jechuun isaanii ni yaadatama jechuu dhaan Mesfin Araagee gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG