Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gabaasaa UNOCHA: Mootummaan Namoota Naannoo Oromiyaa Irraa Buqqa’anii Naannoo Amaaraa Keessa Qubatanii Turan Gara Qe’eetti Deebisuu Jalqabe


Namoota Oromiyaa Lixaa irraa buqahan (suuraa faayilii)
Namoota Oromiyaa Lixaa irraa buqahan (suuraa faayilii)

Buqqaatonni naannoo Amaaraa gara qe’ee irraa buqa’an Oromiyaatti akka deebi’aniif mootummaan haala kan mijeesse yoo ta’u qajeelfama kanneen biyya ofii keessatti qe’ee irraa buqa’an kan sadarkaa addunyaa hojii irra oolchuu ilaalchisee rakkooleen hangi tokko mudachuu isaa UNOCHAn beeksisee jira.

Dhaabbatichi Tokkummaa mootummootaa Jimaata galgala ibsa baaseen hanga ammaatti buqqaatota 4,100 keessaa 1,530 Guraandhala 26 qabee naannoo Amaaraa magaalaa Derbre Birhaani fi godina Walloo kibbaa irraa ta’an qubsuma yeroofii Lixa Walaggaa, Dhiya Walaggaa fi Godina lixa Shawaa ka naannoo Oromiyaa qubsiisamaniiru.

Hawaasi gargaarsa namoomaa haala deebisanii qubsiisuu sadarkaa addunyaa waliin adeemsa wal simu keessatti mootummaan haala ijaaraa ta’een hirmaachuu akkasumas deggeruuf gitoota isaa sadarkaa federaalaa fi naannoo jiran waliin yeroo hedduu wal argee jira. Akka qajeelfamaatti OCHAn akka jedhetti kanneen gargaarsa namoomaa kennan deebi’anii qubsiisamuun buqqaatotaa ulaagaa kanneen biyya ofii keessatti qe’ee irraa buqqa’anii guutuu qaba, sunis fedha ofiin, itti beeksisamee fi mala kabajaa qabuun ta’uu qaba jedhee jira. Buqqaatonni kun gara irraa buqa ‘anitti deebifamuun ifaa fi ifatti mootummaan kan geggeessamuu fi rakkoo buqqafamuu biyyattii keessa jiruuf furmaata waariinsa qabu fiduuf yaaluu isaa ti.

Kanaaf jecha michoonni gargaarsa namoomaa marii jalqabaa fi deebifamuu buqqaatotaa keessatti hin hirmaanne. Mootummaan kana kan beeksise erga karoorri ba’ee xumuramee buqqaatonni kun deebifamuu jalqaban ta’uun ibsameera.

Angawaa gameessi Oromiyaa kan maqaan isaanii hin tuqamne VOAf akka ibsanitti adeemsa buqqaatonni qe’ee isaaniitti deebifamuu fi rakkoo mudate ilaalchisee ibsi gamtaan kan kennamu ta’uu dubbataniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG