Itti aantuu prezidaantii Yunaayitid Isteetis Kamala Haris hatattamaan walii galteen dhukaasa dhaabinsaa akka tolfamu waamichi ta’ee guyyaa tokko booda, miseensa Kaabinee waraana Israa’el Beenii Gaantz waliin Wixata har’aa Waayit Haawusitti wal arguuf jiru.
Angawaan Waayit Haawus tokko akka jedhanitti, mariin kun miidhaa namoota nagaa lammiiwwan Falasxiin irra gahu, dhukaasa dhaabuun hatattamaan akka tolfamuu fi namoota booji’aman gadhiisuu akkasumas gargaarsi gara naannoo sanaatti ergamu dabaluu irratti kan fuuleffatu ta’a jedhamee eegama.
Itti aantu pirezidaantiin, nageenya namoota hanga miliyoona 1.5 kanneen Rafaah keessa jiraniif yaaddoo qaban ibsanii jiru kan jedhan angawaan kun, Igaruu sraa'el doorsisa shororkeessummaa Hamaas itti fufee jiru ofirraa ittisuuf mirga qabdi jechuu isaanii ibsaniiru.
Gaantz gama isaaniin Ibsa kennaniin, gorsaa nageenya biyyaalessaa Waayit Haawus Jake Sullivan fi miseensota Kongiresii Rippabilikaanotaa fi Dimookiraatotaa waliin akka wal argan mirkaneessaniiru.
Haaris haasaa Dilbata kaleessaa dhageessisaniin, waamicha dhukaasa dhaabuu kan dhiyeessan yoo ta’u, kunis waamicha cimaa hanga ammaatti bulchiinsi Baayiden waraana kana dhaabuuf dhiheesse keessaa isa tokko.
Hariis, Haala hamtuu Gaazaa keessatti mudate yoo ilaalle, dhukaasa dhaabuun hatattamaan jiraachuu qaba jechuu dhaan, walga’ii yaadannoo waggaa mirga lammiilee Selma, Alaabaamaa guddicha irratti sirna qophaa’e ennaa dubbatan uummati achitti wal ga’e harka rukutuu guddaa dhaan simatanii jiran.
Haaris akkasumas balaan Hamaas ummata Israa’el irraan ga’u illee dhaabachuu jechuun namoota walitti qabamanitti himan.
Bulchiinsi kun Masrii fi Qataar waliin ta’uu dhaan lola torban jahaaf akka addaan citu gidduu seenuun namoota Hamaasiin booji’amanii jiran akka gad dhiisaman akkasumas bakka Tokkummaan mootummootaa hongeen akka dhufu akeekkachiise gargaarsa guddaa gara Gaazaatti erguuf hojjechaa tureera
Forum