Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoolee Amaaraa fi Oromiyaa Keessaatti Furmaata Fiduuf Akka Mariin Nageenyaa Geggeessamu Yunaayitid Isteetis Irra-Deebiin Gaafatte


FAAYILII - Imbaasii Ameerikaa Finfinneetti argamu, Sadaasa 25, 2021.
FAAYILII - Imbaasii Ameerikaa Finfinneetti argamu, Sadaasa 25, 2021.

Walitibu’insii Ityoophiyaa kessatti bakka adda addaatti adeemaa jiru marii siyyaasaatiin malee fala biraatiin furamuu akka hin danda’amne Ityoophiyaatti ambaasadera mootummaa Yunaayitid Isteets kan ta’an Ambaasader Erviin Maasingaa ibsanii jiru.

Akka lakoofsa Itiyoophiyaatti Dilbata dheengadaa Guraandhala 24 bara 2016 kan kabajame sirna yaadannoo muudama Paatiriyaarikii waldaa amantaa Ortodoksii Ityoophiyaa Abuune Maatiyaas wagga 11 irratti argamuu isaanii kan ibsan amabaasader Erviin Masingaa dhiheenyaa kana naannoo magaalaa Bishooftuu gadaamii Cuqaalaa keessatti monoksootaa ajeefamaniif gadda isaanii ibsanii, Yunaayitid Isteets ajjeechaa namoottan nagaa irratti raawwatamuu akkuma balaaleffattu ajjechaa aboottan amantaa fi hordoftoota amantaa kamiinuu irratti taasifamuu ni balaaleffatti jedhaniiru.

Naannoo Oromiyaa keessatti rakkina nageenyaa jiru hiikuudhaaf mariin jalqabamee ture akka itti fufu Yunaayitrid Isteets akka yaalii gochaa jirtu ambaasader Masinagaan kan ibsan yemmuu ta’u, naannoo Amaara keessatti rakkina nageenyaa jiru furuudhaaf mootumaanii fi gareen hidhatoota Faannoo akka marii siyaasaa taasisan Yunaayitid Isatets dhiheenyaa kana hubachiisuun ishee ni beekama.Haaluma walqabateen Yuunaayitid Isteetsn dabalatee waamichi marii naggeenyaa gareewwan adda addaa dhiheesaa jiranuu hoojii irraa olfamuun isaanii akka mulchaa hin jiree kan ibsan, darekteerri tumsa dhaabbilee mirga namoomaa Ityoophiyaa obbo Mesi’uud Gebeyehuu waltii bu’insaa fi ajjeechaa siviilota irratti raawachaa jiru dhabsisuudhaaf mootummaan, paartileen Siyyaasaa fi dhaabileen siviilitaa kan irratti hirmaatan mariin biyaaleessaa akka atattamaan taasifamuu qabu hubachiisuun isaanii beekameera.

Karaa biraatiin,Walitibu’insii biyyatti keessatti babalachaa demaa jiruu mariin biyyaalesaa akka hin taasifamne gufuu ta’uu isaa kan ibsan dubbii himaan Komishinii marii biyyaalessaa obbo Xibebuu Taadesee , warren wal falmii irraa jiran lola qawwee dhiisanii akka gara marii siyyaasatti deebi’an taasisuudhaaf yaaliin ittifufee jiraachuu isaa beeksisaniiru.

Warren mootummaa wajjin walfalmaa jiranuu wajjin wal araganii haasa’uudhaaf yaaliin taasifamaa jiraachuu isaa kan ibsan dubbiihimaan komishiinichaa bu’in yaalii isaaniis dhiheenyatti akka ifa taasifamu himuu isaanii Finfinnee irraa kan gabaase Kenedii Abaatee ti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG